Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaan, Itoophiyaa fi biyya hedduu darattee ‘nagaa Afrikaa eeguuf’ Itophiyaa keessatti waraana leenjisuutti jirti


Senior military officers of the African Union Mission in Somalia (AMISOM) and other international partners attend the closing session of the AMISOM Sector Commanders Conference in Mogadishu, Somalia, Feb. 15, 2019. (O. Abdisalan/AMISOM)

Maqaa leenjii tanaatiin Justified Accord 2019 https://www.africom.mil/what-we-do/exercises/justified-accord jedhan. Leenjii tana Itoophiyaa gama Bahaa,Ila Boruu keessatti itti jiran.

Waraana US,Itoophiyaa, biyyoota Waraana Tokkummaa Mootummootaa Soomalee nagaa eegu AMISOM keessaa waraana qaban faatti torbaan lamaaf leenji’aa nama 1,100 taha.

Waraanii kun nagaa Afrikaa eegaaf jedha itti gaafatamaa waraan Amerikaa Afrikaa jiruu, Major General Rodger Kilaawiiti.

Waraanii kun nagaa Afrikaa tissa.“Biyyitii nagaa dhabiitii ufumaan keessaa baatu hin jirtu.Tanaaf wali baannannee addunyaallee daboo itti yaammanne .Waraana Afrikaa ka Somaalee jiru faallee tanumaaf itti yaamne.Nyaapha keenna waliin eeganna. Waan waliin qamnu waliin jabeeffanna.”

Leenjii tana Itoophiyaa,Burundii,Ugaandaa,Jibuutii fi Somaalee,Keenyaa faatti keessa jira.

Afrikaa malee USA, Nezerlaandi, Xaliyaana, UK,Biraazil,fi Faransaay faatti jira. Waraanii Tokkummaa Mootummootaa,Waldaa Afrikaa,Dhaaba gargaarsa Amerikaan biyya Alaatiin gargaartu,Inistituutii nagaa addunyaa Amerikaa,Koree fannoo diimtuu faatilleen nama keessaa qaban.

Ambaaaadderii Amerikaa Itoophiyaa jiru Maaykil Reenenberger leenjiin tun naga lafaa jabeessiti jedha.

Minsitera Deetaan Ittisa waraana Itoophyaa Fissihaa W/Sanbat leenjii tanaan rakkoo nagaa naannolee,lola gosaatii fi dhiba hedduu hanqisuu dandahan jedhee abdata.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG