Xurree ittiin seenan

Breaking News

USAGM, dameelee Isaa RFA fi MBNf bulchiinsa haaraa filate


USAGM Dashboard Logo
USAGM Dashboard Logo

US Agency For Global Meida Agency(USAGM) agensii sabqunnamtii Amerikaan biyya alaatiin walti haasoftu.USAGM dameelee akka VOA,Radio Free Europe/Radio Liberty,Radio y Television Marti fi Radio Free Asia fi Alhurra TV fi Radio Sawa tohata.Bulchiinsii USAGM haarahii dameelee tohatu tattanatti bulchoota qaxruutti jira.

Akka kanaan Stephen Yates itti gaafatamaa Radio Free Asia ykn RFA tolchanii filan Victoria Coates ammoo itti gaafatamtuu damee Middle East Broadcasting Networks tolchanii filan.

Yates, durii gargaaraa itti aanaan pirezidaantii Amerikaa Dick Cheeniitii nama Parameswaran Ponnudurai irraa hujii fuuti.

“Addunyaa abbootii irraa irratti fi warra hammeennaan nama bulchuu fedhu irratti qabsooftuuf, qawween jabduun humna qabdu gaazexeessummmaa dhugaa jirtu namatti himtu,hujiin RFA ammoo dhugaa dubbachuu,” jedha Yates namii haaraii filan kun.

Itti guddaan USAGM Michael Pack kora bulchiinsa moootmmaa heddu irratti rakkoo ardiin Eezhiyaa gama odeeffannootiin qabdu yoo hedduu dubbata.

Namiii amma filan kun afaan Mandariin akka dansaa beekaa US dhara Jidduu Gala Bahaa keessattuu Chaayinaan haga guddaan gadi ooftu dhugaan dura dhaabachuu qabdi jedha.

Coates ammoo durii gorsituu nagaa pirezidaanti Donaldi Tiraampi turte taatullee gannaan duratti hujii dhiistee damee qonnaa Amerikaatti gorsituu Jiddu Gala Bhaaa fi Afrikaa Kaabaa taatee hojjachaa baate.

Damee USAGM keessaa VOAn afaan 45 caalaa biyya hedduu keesatti oduu addunyaatti himti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG