Xurree ittiin seenan

Breaking News

Uummanni Ameerikaa Keessaa Kan Gabaasame Caalaa COVID-19n Qabamuutu Gabaasame


Lakkoobsi namoota COVID-19n qabamanii kutaalee Yunaayitid hanga tokko keessaa kan duraan gabaasame dachaa 13 kan caalu ta’uu jarmayaan ittisaa fi to’annoo dhukkubootaa CDCn beeksisee jira. Gabaasi CDC kun kan hundaa’e namoota hanga tokko New yourk, Flooridaa kibbaa, Mizuurii, Utaa fi Washington keessaa dabalatee naannolee 10 keessaa qorannoo dhiigaa walitti qabame irratti hundaa’uu dhaani.

Barreessitoonni qorannaa marsariitii ogeessota fayyaa JAMA jedhu irratti maxxanfamee akka jedhanitti namoonni vaayiresii koronaan qabaman hedduun sababaa mallattoon irratti argamu hamaa hin taane ykn qaruma mallattoo hin agarsiisene wal’aansa fayyaa hin fudhatan. Kanneen akkasii vaayiresii kana uummatatti daddabarsu jedhan. Yoo xiqqaate namoonni vaayiresii kanaan qabaman dhibba irraa harki 40mni mallattoon isaa irratti hin argamu.

Qorattoonni CDC kan isaan bira ga’an ka biron namoonni xiqqoo kanneen kutaalee Yunaayitid Isteetis adda addaa keessa jiran antibody ykn qaama isaanii keessa kan vaayiresii kana ofi irraa lolu qabu. Kana jechuun namoonni hedduun vaayiresii kanaaf saaxilamoo dha jechuu dha jedhan.

New York bakka jalqaba COVID-19 akkaan keessatti hammaate keessaa namoota dhibba irraa harka 24 ta’antu qaamni isaanii vaayiresii kana ofi irraa ittisuu danda’a jedhu hayyoonni saayinsii.

Ibsa guyyaatti vaayiresii kana ilaalchisuun erga baatii Ebla darbee qabee kennamuun Traamp lakkoobsi namoota COVID -19n qabamanii gutummaa biyyattii keessaa ol ka’aa adeemuu amananii utuu hin wayyaawin dura hammaachuuf deema jedhan.

Addunyaa irraa namoonni miliyoonni 4.8 vaayiresii kanaan qabamanii kanneen kuma 613,000 du’anii jiran kanatti qorattoonni talaallii vaayiresii kana dhabamsiisu argachuu irratti fooya’inni argamuu gabaasaa jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG