Xurree ittiin seenan

Breaking News

Uummanni Kibba Itiyoophiyaa Miliyoonaan Laka’amu Beelaaf Saaxilamuun Gabaasame


FAAYILII - Beeladoota ongeedhan miidhamanii dhuman

Uummati miliyoonni sadii kanneen naannoo kibbaa keessaa gargaarsa nyaataa yeroo hatattamaa kan barbaadan ta’uu mootummaan naannoo labsee jira.

Itti aanaa waajjira hoogganaan hooggansa sodaa balaa Faasikaa Alamuu VOAf akka ibsanitti uummata miliyoona 3.2 sadii keessaa harki tokko hongeen dhaga’amniiru. Baatiin roobaa walitti aanu sadii erga dhabamee booda kutaaleen naannoo sanaa hangi tokko hongee hamaa dhaan miidhaan irra ta’eera jedhan.

XS
SM
MD
LG