Xurree ittiin seenan

Breaking News

Uummata Tigraay Boodatti Kan Deebisu Humni Lafa Kana Irra Hin jiru: Prezidaantii Naannoo Tigraay


Faayilii - Prezidaantiin Naannoo Tigraay Dr. Debretsiyon Gebre/Mikaa’el
Faayilii - Prezidaantiin Naannoo Tigraay Dr. Debretsiyon Gebre/Mikaa’el

Prezidaantiin naannoo Tigraay Dr. Debretsiyon Gebre Mikaa’el kaleessa baatilee saddeeti booda Televiziyoona Tigraay irratti dhiyaachuun haasaa dhageesisaniin hoogganni Tigraay erga baatii Sadaasaa qabee rakkoo isa mudate ibsuun kan ulfaatuu fi yeroo hamaa dha jechuu dhaan, weerartoota dura dhaabatanii ce’uuf ulfaataa, injifannoo gonfachuunis dukkana fakkaatee yeroo itti mul’ate ture jedhan.

Humna weeraru kan ittiin jedhan, baatilee saddeettan darbaniif Tigraayiin kaartaa addunyaa irraa dhabamsiisuuf uummata Tigraay dachee kana irraa haxaa’uu fi akkasumas sanyii isaa balleessuuf weerarri wal duraa duubaa raawwatameera kan jedhan Dr. Debira Tsiyoon, humnoonni kun jaarraa 21ffaa keessa illee kan abjuun yaaduun nama rakku gocha gara jabinaa raawwachuu dhaan hawaasa addunyaa utuu hin hafin kan rifaasise gocha hamminaa raawwataniiru jedhan.

"Uummati Tigraay qabsoo hidhannoo dheeraa, dhiigaa fi lafee isaan kan mirkaneesse hiree isaa ofiin murteeffachuu fi mirga isaa ofiin of bulchuu harkaa butuuf eenyummaa fi kabajaa isaa biyyoolessaa cabsanii, waggoottan 30n darbe qabeenyaa inni dafqee horate saamanii, gubanii fi mancaasanii akka inni boodatti deebi’uu fi hiyyoomu, beelaa fi dhukkubaan akka inni dhumu, hawwa hamaa kana irraa kan hafe immoo baqatee akka inni tamsa’u gochuuf boolli isaan hin qonne hin jiru," jedhan, Dr. Debrtsiyoon.

Qabsoon uummataa dirqamnee malee fedhiin kan itti seenne akka hin ta’in ifaa dha jedhan

Uummata Tigraay boodatti kan deebisu humni lafa kana irra jiru hin jiru jedhan. Kanaaf uummata Tigraay kan isa barbaachisu wal duraa duubaan tarreessanii, hatattamaan yeroo gabaabaa keessatti fuula duratti tarkaanfachuun waan hin oolle, jecha kana immoo hojiin kan agarsiisnu ta’uu keenya firaa fi diinni beekuu qaba jedhan.

Sagantaalee keenya nagaa, misoomaa fi dimokraasii mudhii keenya cimsinee hidhachuun hojjennee jijjiirama hawaasaa heddumminaan galmeessuu dhaan injifannoo ka biro ni galmeessina jechuun Dr. Debretsiyon G/Mikaa’eel dubbataniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG