Xurree ittiin seenan

Breaking News

Uummati Mormii Kan Dhageessisuuf Mirgi Isaa Waan Hin Eegamneefi: Hermaan Koohin


Herman Chohen
Herman Chohen

Ministrii dhimma alaa UStti itti aanaa ministeera dhimmootii Afriikaa duraanii kan turan Herman Cohen yeroo ammaa biyyootii Afrikaa shan daawwataa kan jiran imala Rex Tillerson keessummaa Itiyoophiyaa ilaalchisee yaada isaan kennan ilaalchisuun VOA waliin mair’atanii jiran..

Ministriin dhimma alaa Rex Tillerson Afriikaa daawwachuu isaanii ilaalchisee mootummaa Itiyoophiyaa waliin ennaa mari’atan dhimmootii bulchiinsa gaarii kaasanii kan dubbatan ta’uu ibsanii jiru. kana irratti Herman Koheen kana ennaa ibsan Itiyoophiyaa keessatti yeroo ammaa kan jiru haalli siyaasaa tasgabbaa’aa miti jedhan Uummanni Oromiyaa fi naannoo Amaaraa keessatti mormii kan dhageessisanii fi walitti bu’iinsi uumamaa kan jiru mootummaan loogii nu irratti oofa kan jedhuuni.

Mootummaan aangoo fi dinagdee guutummaatti dhuunfate jechuunis komee isaanii dhiyeessu. Daandiitti ba’aniis mormii isaanii dhiyeessuu jalqabaniiru. Sababaa kanaafiif egaa mootummaan labsii yeroo muddamaa kan labse jedhaniiru.

Akka natti fakkaatutti haala jiru jijjiiruuf mootummaan dimokraasii diriirsuu qaba. Sana gochuun immoo waan nama sodaachisu hin qabu. Sana yoo godhan Afriikaaf illee fakkeenya gaarii ta’u jedhan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:04:34 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG