Xurree ittiin seenan

Breaking News

Miidhaan Dubartii Irratti Raawwatu Dhaabachuu Qab a



Washington kan jiru waajjira caasaa biyyoolessaa United States kan hookkara biyya keessaa ittisuu irratti wal ga’ii qiyyaafate irratti Rene Renick keessummoota ishee Africa irraa ta’an rakkoo dubartoonni mirga isaaniif qabsaa’uuf jecha irra ga’u ilaalchisuun dubbistee jirti.

Gabaasi torban darbe keessa gaazexaa American Jounal of Public Health jedhamu irratti maxxanfamee ba’e akka mul’isutti bara 2006 fi 2007 keessa congo keessaa dubartoota kuma afur ta’antu humnaan gudeeddiin irratti raawwate.

Lakkoobsi kun kan tokkummaan mootummootaa gabaase harka 26n caala. Akka qorannaa kanaatti dararaan kun naannolee walitti bu’iinsi jiruu fi ganduma dubartoonni kun keessa jiraatan keessatti raawwata.

Lammiin Kameeroon kan taate Glady Fri Mbuya akka jettetti lammiiwwan America hedduun waa’ee humnaan gudeeddii fi hookkara dararaa naannoo kan biyyattii Afrikaa walitti bu’iinsaan raafamtu congo keessaa qofa haa dhaga’aanuu malee rakkoon kun ardittii mara keessa jira.

Abbaan si adabuu dhaaf mirga akka qabutti itti dhaga’ama jetti Gladyn.
Mbuyaan dhimmootii seeraa kan dubartootaa hookkara irraa ittisuu irratt fuuleffate hedduu irratti hojjetti. Torbeetti yeroo tokkos dhimma dubartii ilaalchisee sagantaa qopheessiti.

Qabsooftuun mirga dubartootaa Selamawit Tesfayes Waaltaa seeraa kan University Georgetown keessaa barnoota ishee xumuraa jirti.

Selamawit akka jettutti biyya ishee Ethiopia keessatti midhaa dubartoota, dararaa humnaan gudeeddii gaa’ila keessaa ittisu hin jiru. Garuu rakkoon kun hagas akka jirutti hin beekamu jetti.

Abukaatoleen Afrikaa kanneen America keessaa kun akka jedhanitti Waggaa dhuftus As Washinton keessatti kan geggeeffamu konferensi dhimma dubartootaa ni argamu. Guraandhala 27 hanga bitootessa 1tti kan geggeeffamu konferensiin kun addunyaa mara irraa qabsaa’ota kanneen miidhaa dubartoota irra ga’u xumursiisuuf hojjetan walitti fiduuf jira .

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG