Xurree ittiin seenan

Breaking News

Vaayrasii Haaraan Afrikaa Kibbaa Dura Awuroopaa Keessatti Argamuu Ibsamee Jira 


Vaayrasiin bifa jijjiratee fi haaraan kan Omiikroon (Omicron) jedhamu Afrikaa Kibbaa keessatti jalqabaaf argamuu ifatti ibsamuu isaa dura, Awuroopaa gama dhiyaa keessatti mul’achuu isaa ragaan haaraa argamee beekssisee jira.  

Angawoonni Neezerlaand Kibxata har’a akka jedhanti, Sadaasa 19 bara 2021 qorannaa gaggeessaniin kan argamee yoo ta’u kunis, imaltoonni balalii xayyaaraa Afrikaa kibbaa irra Amstardaam Jimaata dabree seenan vaayrasicha qabaachuun isaanii baramuu isaa torban tokko dura ture jedhan.

Vaayrasiin Koroonaa bifa jijjirratee haaraan biyyoota adda addaatti faca’uu yeroo itti fufee jiru kanatti, jaarmayaan fayyaa addunyaa vaayrasichii gara fuula duraatti balaa kan gesisuu ta’u mala jechuun akeekkachiisee biyyonni hanga tokko talaalii dabalataa kan humna qaamnii dhukkuuba of irraa ittisuuf qabu jajjabeessuu fi buustar jedhamu akka kennaiif hubachiisee jira.

Speen , portuugaal, Kaanaadaa, Iskootlaand, Awustraaliyaa, Neezerlaands, Austriyaa fi Swiidin keessatti namoonni vaayrasii haaraa Kanaan qabamuun ibsamee jira.

Itti gaafatamaan walii galaa kan Jaarmayaa Fayyaa Addunyaa Dr.Tedross Adhaanoom gumii addaa kan jaarmayichii Jenevaa keessatti gaggeesse irratti akka jedhanti, dhukkuuba akka weeraraatti uummata fixuu fi addunyaa irratti gaadidduu isaa buufate kana, ittisuu, qoratanii argachuu fi wal’ansa fayyaan fayyisuun ni danda’ama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG