Xurree ittiin seenan

Breaking News

Vaayrasii Haaraan Argamee Biyyoota Keessatti Mul’ataa Jira 


Buufata Ciyyaaraa Johaansibergi, Afrikaa Kibbaa, Sadaasa 29, 2021
Buufata Ciyyaaraa Johaansibergi, Afrikaa Kibbaa, Sadaasa 29, 2021

Namoota vaayrasii bifa jijjiirrate haaraa Miikroon jedhamuun qabaman 6 biyyi Iskootlaand qabaachuu ishee beeksiftee jirti.Mootuummaan Iskootlaand Wiixata har’a akka jeheetti, namoonni kun eessatti vaayrasii Kanaan akka qabaman hin beekamne. Hangii tokko hawaasuuma keessatti kan faca’ee irraa ta’u mala malee kallattii imala gaggeessan hin qaban.

Dilbata kaleessaa namnii lama kaanaadaa keessatti vaayrasii Kanaan kan qabaman yoo ta’u ministeerri fayyaa kan Ontaariyoo Kristiin Iliiyot akka jedhanti, uummanni Otowaa keessaa gara Naayjeriyaaatti imalanii turan, Garu iddoon isaan itti imalan kun isa aangawoonni vaayrasiin inni haaraan jalqaba keessatti argamee jedhan kutaa Afrikaa kibbaa waliin wal hin argu jedhan.

Angawoonni Neezerlaamds Dilbata kaleessaa akka jedhanti, namoonni 13 kanneen dhiyeenya kana balalii xayyaaraa Afrikaa kibbaa irraa ka’e Amastardaam seeneen dhufan kun,Vaayrasii haaraa Kanaan qabamuu isaanii ibsan.

Namoonni soddomii tokkoon kun, Imaltoota Jimaata dabree Amastardaam seenan 61 kannen vaayrasichaan qabamuun isaanii baramee keessaa ta’uun ibsamee jira.

Imaltoota dhiyeenya kana Sidnii seenan keessaa lama vaayrasii haaraa Kanaan kan qabaman ta’u Awustraaliyaan beeksiiftee jirti.Israa’eelii fi Morokoon lammiwwan biyya alaa kanneen daawwannaaf biyya isaanii seenaniif daangaa kan cufan yoo ta’u, Jaapaan immo Kibxata borii kaastee daanaa ishee kan cuftuu ta’u beeksiifte.

Biyyonni ka biroon immo ugguura imalaa biyyoota kutaa Afrikaa gama kibbaa irraatti labsanii jiru.

Prezidaantiin Afrikaa kibbaa akka jedhanti, ugguura imalaa ka’ameen biyyi isaanii akkaan mufattee jirti.Uggurri kun sirrii kan hin taanee fi biyya keenyaa fi biyyoota obboloota keenya ta’an kan Afrikaa gama kibbaa irratti loogii ta’u kan hin qabneetu ka’ame jedha.

Tokkummaan Mootummootaa Waa’ee Vaayrasii Haaraa Maal Jedhe?

Bareessaa dureen Tokkummaa mootummootaa Antoniyoo Gutarrees mootummaa Afrikaa kibbaa fi hawaasii tajaajiila fayyaa biyyatti, vaayrasiin Kooviid inni haaraan eessaa akka dhufe akka qoratan hubachiisuun biyyootiin Afrikaa gama kibbaa sababaa Kanaan ugguura imalaa ka’ameen addatti qodamuu akkaan na yaaddeesse jira jedhan.

Anaa fi kanneen biroon akkuuma yeroo dheeraa kaasee akeekkachiisaa turre, talaaiin xiqqaachuun vaayrsichii bifa akka jijjiirratuuf carraa kenna.

Afrikaa keessatti talaaliin kennamuu xiqqaachuu isaaf uummanni Arditti komatamuu hin qabu.odeeffannoo akkaan barbaachisaa fi kan saayinsii addaan baasanii addunyaaf qooduu isaaniif adabamuu hin qaban jedhan.

Kanaaf mootummonni imaltoota irratti qorannoo gaggefefamuu irra deeddeebi’anii akka gaggeessan, tarkaanfii kanneen biroo sirriifi fi bu’aa quubsaa argamsiisan akka fudhatan akkasumas, karaa itti vaayrasichii ittiin daddabruu dhabamsisuun imallii fi dinagdeen akka itti fufuu gochuu akka danda’an gaafanna jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG