Xurree ittiin seenan

Breaking News

Vaayrasiin Koroonaa Jalqaba Eessatti Argame? 


Namoota Miliyoona hedduu addunyaa irraa kan fixee vaayrasiin koronaa jalqaba eessaa akka maddee qorannaa gad fagoo haaraa dhaabbattoota tikaan gaggeeffamu ba’iin isaa maal akka ta’e kan ibsamuu ta’u Yunaaytid Isteetes ibsitee jirti.

Prezidaantiin Yunaaytid Isteetes Joo Baaydin kaleessa gara Kliivlaan Ohaayootti imaluuf xayyaara ituu seeniin dura tuuta oduuf ibsa kennaniin akkasumas kooleejii tokko keessatti haasawaa dhageesisaniin waan ani hin beeknee yoo jiraachuu baate, qorannaa guyyaa 90f gaggeffamu uummataaf ibsiina jedhan.

Vaayrasiin dhukkuba KOOVIID -19 jalqaba laaboraatorii Chaayinaa keessaa miliqee ba’e tilmaamnii jedhu kan jiru yoo ta’u, Baaydin qorannaa haaraa kana Robii darbee kan ajajan.Masaraan Waayit Hawiis waan barbaachiisu dhiyeessuuf kan jiru ta’u beeksisee jira.

Laaboraatooriin biyyooleessaa kan Amerikaa qorannaa kana akka gargaaran Chaayinaanis walta’iinsa barbaachisu akka gootu Baaydin gaafatanii jiru.

XS
SM
MD
LG