Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareen Humna Addaa Sudaan RSF Jedhamu Har'a Magaalaa Guddoo Lammaffaa Biyyattii Dhuunfadhe Jedhu


Faayilii- Humni addaa Sudaan kan RSF jedhamu magaalaa guddoo lammaffaa Sudaan Nyaalaa kamisa har'aa Onkoloolessa 10,2023 to'achuu beeksise.
Faayilii- Humni addaa Sudaan kan RSF jedhamu magaalaa guddoo lammaffaa Sudaan Nyaalaa kamisa har'aa Onkoloolessa 10,2023 to'achuu beeksise.

Gareen humna addaa Sudaan warri RSF jedhamuun waamaman Sudaan keessatti humna waraanaa Sudaan waliin ji’oota Ja’aaf wal waraanaa jiran Kamisa har’aa magaalaa Niyaalaa akka Sudaanitti magaalaa Lamaffaa ta’uun himamuuf waraanaan qabachuu isaanii ibsan.

Wal waraansa ji’oota ja’af ture keessatti magaalaa guddoon kibba Daarfuur lixa Sudaanitti argamtu garee warra humna addaa Mohaammad Hamdaan hogganamaniin qabamuun ishee jijjiirama guddaa fiduu malas jedhameera. Kunis yeroo humnoonni wal waraanaa jiran lamaan Sa’aduu Arabiyaa Jiddaatti irra deebiin marii jalqabuuf jiranitti ta’uusaatiin.

Dhimma kanarratti humni waraanaa Sudaan gaafatamee deebbii kan hin kennine yommuu ta’u , sababaa neetwoorkiin komuunikeeshinii naannoo sanaa badeef jecha odeeffannoo biroo argachuun hin danda’amne jedha gabaasni Reyooteers.

Haala qabatamaa lafarra jiruun Kahaartuun lafoota baay’ee kan qabatee jiru garee warra humna addaa Sudaan yommuu ta’an waajjiraaleen mootummaa Sudaan harki caalaan gara Poort Sudaanitti dabarfamaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG