Xurree ittiin seenan

Breaking News

VOAn Finfinneetti Leenjii Torban Tokkoo Jalaqabe


Dimookiraasii fi dhaabbattoota Dimokraasummaa gama ijaaruutiin sabaa-himaaleen ka qooda olaanaa qaban, ka jedhe VOA – Damee Afrikaatti Daareekara kan ta’e Obbo Nugusee Mangashaa, toora kanaan Sagalee Amerikaa qooda gama isaa ka gumaachu tahuu ibsee jira.

Kun akka fiixaan bahu gochuuf Raadiyoon sagalee Amerikaa Itiyoophiyaa fi biyyoota ollaa ishee irraa oduu gabaastoota 27f har’a Finfinnee keessatti leenjiin jalqabamee jira.

VOAtti daarektarri Damee Afrikaa, Obbo Nigusee Mangashaa waggootii 37 booda yeroo jalqabaaf Itiyoophiyaatti deebi’uu isaa ti.
VOAtti daarektarri Damee Afrikaa, Obbo Nigusee Mangashaa waggootii 37 booda yeroo jalqabaaf Itiyoophiyaatti deebi’uu isaa ti.

Obbo Niguseen, ogeessa gameessaa fi kanneen akka lakkoobsa Awurooppaatti Fulbaana bara 1982 tajaajila raadiyoo Afaan Amaaraa VOA keessatti hundeessan keessaa tokko yoo tahu, sana duras tahe sana booda maqaa raadiyoo “Getaahun Taammiraat” jedhuun dhaggeeffatoota Raadiyoo miliyoonaan lakkaawaman biratti beekama ture. Booda hoogganaa kutaa Afaan Amaaraa tahee kan hojjetee fi waggoota hedduudhaaf hoogganummaa sadarkaa adda addaatiin kan VOA tajaajile – Obbo Nugusee Mangashaa, daarektara Damee Afrikaa tahuun dhalata Afrikaa isa jalqabaa ti.

Sagalee Ameerikaa – tajaajila Gaanfa Afrikaatti, “managing editor” – Tizitaa Belaachoo fi waahiloota isaanii kaan waliin tahuudhaan, Sanbata dabre kana Fininnee seenan yoo tahu leenjii gabaastotaaf kennan har’a jalqaban.

Sagantaan leenjii Fifinneetti kennamu kun Jimaata dhufu xumurama. Gabaasaa guutuu caqasaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:03:58 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG