Xurree ittiin seenan

Breaking News

VOAtti Namni Muuziqaa Afrikaa Umurii Isaa 97tti Boqote


VOAtti Namni Muuziqaa Afrikaa Umurii Isaa 97tti Boqote
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:41 0:00

VOAtti Namni Muuziqaa Afrikaa Umurii Isaa 97tti Boqote

Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti, sagantaa muuziqaa “Music Time In Africa” jedhamu kan hundeessee fi qopheessaa ture – Lihoo Sarkaastiyaan, umurii isaa waggaa 97tti du’aan boqote.

Dhaggeeffatootaa fi dinqsiifattoota isaatiin, “Nama muuziqaa Afrikaa” jedhamuun kan faarsamu – Lihoo Sarkaasitiyaan. Afrikaa keessa deddeemuudhaan, dhalattoota biyyaa irraa muuziqaa isaanii dhaggeffachuu fi waraabuudhaan walakkaa jaarraa dabarse. Waraabbiilee sana tu ka baroota dheeraaf geggeessamaa jiru, sagantaa VOA Afaan Ingiliziif bu’ura tahe. Lihoon dura loltuu waraana Yunaayitid Isteetis tahee Afrikaa seene. Booda, bara 1965 VOA seenee, sagantaa muuziqaa "Music Time in Africa,” jedhamu sana qopheesuu jalqabe. Ka bara 1949 haadha-manaa isaa Meerii fuudhe – Liyoon, waggoota 47 ishee waliin ardiilee addunyaa naanna’uun, namoota muuziqaa kuma hedduu dhaggeeffataa fi wallee isaanii waraabee dhiheessaa ture. Haadha warraa isaa, Meerii, fi jaallattoota isaa maraaf jajjabina hawwa.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG