Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waa'ee Baqattoota Ertiraa Yaaddeessaa Dha: UNHCR 


Faayilii - Baqattoota Ertiraa, mooraa baqattootaa Mayi Ayini, Amajjii 30, 2021
Faayilii - Baqattoota Ertiraa, mooraa baqattootaa Mayi Ayini, Amajjii 30, 2021

Kan Kuma 24tti tilmaamaman baqattonni Ertiraa kanneen mooraa Mai Anii fi Adi Harushaa kanneen Maaytsebrii jedhamu kan naannoo Tigraay keessa jiran dorsiisaa fi dararaatu isaan mudataa kan jiru yoo ta’u soda yeroo hundaa jiru keessa jiraataa gargaarsii dhala namaas irraa citee jira.

Waa'ee Baqattoota Ertiraa Yaaddeessaa Dha: UNHCR
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:46 0:00

Gabaasaa rifaasisaa fi qabatamaa ta’eetu guyyoota dhiyeenya kanaa keessa mooraa Mai Aini keessaa nu dhaqqabeen yoo xiqqaatee baqataan tokko hidhattotaan mooraa sana keessa sosso’aa jiraniin ajjeefamee jira. Ajjeechaan ammaa kun isa gaafa Adooleessa 14 baqataa ka biraa ajjeefamee booda.

Gareeleen walitti bu’iinsa kana keessaa harka qaban martii seera addunyaa jalatti dirqama irra jiru kunis siviiloota mooraa keessa jiraniif eegumsa akka godhan akkasuma mirga baqattootaa fi siviiloota kabajuu, dinummaan ilaaluu dhaabuu jedhu akka kabajaniif dhaabnii baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa ykn UNHCR gaafatee jira.

Hojjattonni keenya turban lamaan darbaniif mooraa baqataa sana seenuuf carraa hin nargannee kan jedhu UNHCR, baqattonni haala akkasii keessa jiran gargaarsa lubbuu isaanii baraarsuu barbaadu jedhee jira.

Bishaan dhugaatii qulqulluun dhabamee tajaajiilli eegumsa fayyaa kan hin jirre yoo ta’u beellii balaa isa dhugaa jiru ta’e jira.Mooraawwan baqataa lamaan keessatti yeroo dhumaaf nyaatii kan raabsamee gara dhuma baatii Waxabajjitti yoo ta’u yeroo sana waan ji’a tokkoof isaan gargaaruutu isaanii kenname.

Walitti bu’iinsii hidhannoo dhiyeenya kana gaggeeffamee namoota kuma hedduu bulchiinsa naannoo Affaar keessaa kan godaansisee yoo ta’u, dabalataan immoo baqattoota Ertraa kuma 55tu achitti keessummeessaa jiru. Naannoo isaan jiraatan sanattis wal dura dhaabannaan waraanaa akka jiru gabaafamaa jira.

Gama kaaniin, daandii guddichii magaala Semeraa kan bulchiinsa naannoo Affaarii fi Maqalee gidduu gargaarsa ittiin deddeebisan Adooleessa 18 kaasee guutuummaattikan cufamee yoo ta’u, gargaarsii UNHCR akkaum jaarmayoota gargaarsaa ka biro semeraa keessatti danqamee jira.

Kanaaf jecha UNHCR Paartileen walitti bu’iinsa kana keessaa harka qaban hundumtuu karaa itti gargaarsii battalumatti dhaqqabuu akka banan, akkasumas nageenya hojjattoota gargaarsaa kanneen lubbuu namootaa du’a irraa oolchuuf carraaqanii akka eegan gaafatee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG