Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dubbii Ijoo Marii OSA: Waa'ee Lafa Oromiyaa Investeroota Alaaf Kennuu


Investmeentiin jireenya hawaasaa mancaasu, biyya misoomsuu hin ta’u ,gabrummaa bifa ammayyaan qabachu malee,jedhu prezidaantiin waldaa qorannoo oromoo (OSA) Dr. Hayilee Hirphaa

Korri Waldaa Qorannoo Oromoo(OSA) inni 24ffaan, Adooleessa 31 fi Hagayya 1 bara 2010 as Waashingten DC ka jiru Hawaard Yuniversitii keessatti gaggeefamuuf jira.

Korri baranaa waa’ee Dimokraasii, mirga dhala namaa fi murtii haqaa keessa deebi’anii yaadu mata-duree jedhu irratti
kan fulleffate yoo ta’u, mata dureen kun maaliif akka filame kan ibsan prezidaantiin OSA Dr Haayilee Hirphaa, "haalli Adunyaan keessa jiru guyyaa guyyaatti jijjiramaa waan jiruuf, Oromoon sana waliin shaakallee wal simsisuu qabna" ka jedhu irraa ka'uun tahuu ibsan.

OSAn waggaa dabre kana keessa hojiiwwan gaggeesse keessaa tokko, Mootummaan Itiyophiyaa, maqaa investmentiitiin lafa Oromoo harkaa fudhee abboota qabeenyaatti kennaa waan jiruuf, hiriirri akka gaggeefamuu gochuu fi Tokkummaa Mootummotaa fi Embasilee biyyoota adda addaa dhimma kana keessaa harka qabanitti xalayaa erguu keenya, kan jedhan Dr.Hayleen, "Maqaa investmentiin mallaqa barbaaduun, lubbuu dhala-namaa namaa fi abbummaa biyya ofii dursuu hin qabu" jedhan.

"Walumaa-galatti investmentiin jireenya hawaasaa mancaasu, biyya misoomsuuf hin ta'u, gabrummaa bifa ammayyaa gaggeessuu ta’a malee. Kanaaf nuti gabrummaa akkasii mormaa jirra," jedhan.

Waraqaaleen qorannoo kora OSA ka baranaa irratti dhihaatan gara 30 yoo tahan, kanneen qorannaalee kana dhiheessanis hayyoota oromoo, kan biyya alaa fi kan goosoota Itiyophiyaa keessa jiran ka biroo irraa korichatti hirmaataniin tahuu, Prezidaantiin Waldaa Qorannoo Oromoo, Dr Haylee Hirphaa VOAf ibsanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG