Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waan Addunyaa Tana Afaan Balaatti geessaaf sodaatan keessaa Tokkoo Jijjiirama Qilleensaati


Qilleensii addunyaa tanaa waan bara (Industrial Revolution), bara industrtiin,alubuuda baasuun,qonnii,geejjibii biyya hedduun akka malee guggatee asitti harka 30 caalaan hammaatee jijjiirame.Qilleensii jijjiiramuu jechuun ammoo, laftii guddoo oowwuu,gama tokkoon qabbanaahuu fa. Jijjiiramii kun dhiba dabalee waan hedduu gadi dhufa.

Qillensa waan hedduutti oowwisa;aaraa hamaa makiinaa,warshaa keessaa bahu.Gaazii fi zaytii,albuudaa fi waan akka akkaa barbaada jecha baddaa gurraattii ciranii biyyee diimtuutti baasuu fi waan hedduulleen akkanuma qilleensa jijjiirti.Addunyaalleen mala rakkoo tanaan dhaaban mariitti jirti.Ilmaan namaa jiraachuuf oksijiinii xuuxanii kaarboondaayoksaayidii baasan,mukii ammoo kaarboondaayoksaayidii kana xuuxee oksijiinii lafatti gadi lakkisa.Haarii gurraachii waan gubanii fi lafa gubbattee keessaa bahu ammoo, oksijiinii kana diqqeessee lafa oowwisa.

Woma taateefuu mariin addunyaa 17eessoon Durba,Afrikaa Kibbaatti teettelleen, haga rakkoon qilleensa jijjiiramaa deemuu tun harkaa nama baatee balaan haga hinqamne ilmaan namaatii fi waan lafa irra jiraattuu hin dhumnetti maan goonaa jechaa mari’atan.Qilleensa hammaate diqqeessuuf faabrikaa ykn warshaa aaraa hamaa baasu cufuutti dhufa.Biyyitii jireennii isii tanatti hirkatu akka tun taatu hin feetu,dubbii tanatti nama dhibuutti jira.

Warra marii Durban dhaqe keessaa tokko Dr.Girmaa Baalchaati,itti gaafatamaa Fooremii Jijjiirama Qilleensa Itoophiyaati

“Korii kun waan baayyee irratti walii gale…wantii qilleensa jijjiiraa aaraa warashaa faa keessaa bahu ,warshaan cufamuun namatti hujii dhaba…namii hujii dhabuu moo…lubbuu namaatti caala?”

Korii Durban kun akkuma taateefuu waan haga marii akkanaa addunyaatti jalqabanii irratti walii galee hin beenne walii galee gargar gale.

Mee waan Dr.,Girmaan nutti hime MP3 tana irraa nuu caqasaa.

XS
SM
MD
LG