Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ayyaana Waggaa Haaraa Itiyoophiyaa fi Ertiraatiif Dhaamsa Prezidaant Baayiden Dabarsan 


Faayilii - Pirezdaant Joo Baayiden
Faayilii - Pirezdaant Joo Baayiden

“Itiyoophiya fi Ertiraadhaaf akkasumas lammiwwan Ameerikaa hidda dhalata Itiiyoophiyaa fi Ertiraa kumootatti lakkaawamtan dabalee guutummaa addunyaa irraa ayyaana waggaa haaraa kabajattan maraaf anii fi Jiil hawwii guddaa qabnu isiniif ibsaa baga ittiin isin gahe jenna!” jechuudhaan Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden maqaa ofii fi haadha warraa isaaniitiin kaleessa galgala dhaamsa dabarsanii jiran.

“ ‘Inquxaaxashi’: Dhaamsa Prezidaant Jooseef R. Baayiden Lammaffaa” jechuun dhaamsa isaanii marsariitii Waayit Haawus irratti baheen, “Haawasaalee guutummaa Yunaayitid Isteetis keessatti argaman misoomsuu fi dhimma biyya keenyaa mara keessatti qoodni ammiwwan Ameerikaa hidda dhalata Itiyoophiyaa fi Ertiraa qaban ijoo dha,” jedhan, Baayiden.

“Hedduu keessaniif barri dabre ulfaataa akka ture nan hubadha. Miidhaa fi dhabinsa Koovid 19 dhaqqabsiisetti dabalee walitti-bu’insi Itiyoophiyaa keessatti deemsisamaa jiru maatiilee keessan fi namoota isin jaallattan akka miidhaa jiru nan beeka,” kan jedhan prezidaant Baayiden, Itiyoophiyaa keessatti miidhaan siiviloota yokaan namoota hidhannoo hin qabnerra gahaa jira, jedhan kan isaan yaaddessu tahuu ibsan.

Walitti-bu’insoonni guuutummaa Gaanfa Afrikaa keessaa akka gara furmaata nagaatti deeman bulchiinsi isaanii dhibantaawwan isaa naannoo sana jiran wajjiin carraaqqii dippiloomaasii akka gochaa jirus Baayiden ibsanii jiran.

“Kanneen akka miseensota daayaasporaa Itiyoophiyaa fi Ertiraa baay’een keessan naannoo sanatti nagaa fi badhaadhinnni akka jajjabaatu qooda kallattiidhaan gumaachaa jirtan nan hubadha. Nan dinqifadhas,” jedhan, Prezidaant Baayiden.

Yunaayitid Isteetis michooma uummata Gaanfa Afrikaatiif murannoo yeroo dheeraa akka qabdu kan eeran Baayiden, “Garee uummataa kam irrattiyyuu miidhaa farra-namoomaa geggeessamu ni mormina,” jedhan.

Rakkoo nammoomaa naannoo sanaaf gargaarsa barbaachisaniif deebii kennuu kan itti fufan tahuus beeksisanii jiran.

“Sab-daneessummaadhaan kan beekamtu giyyi guddoon Itiyoophiyaan balaa addaan qoqqoodamuu amma fuul-dura ishee dhaabatee jiru irra-aantee walitti-bu’insa amma deemaa jiru, walii-galtee dhukaasa dhaabinsaan dabalee karaa nagaa akka furattu amantaa qabna,” jedhan, prezidaant Baayiden – dhaamsa waggaa haaraaf baasan kanaan.

“Nageenya ijaaruun salphaa miti. Tahus, marii fi namummaa keenya keessatti tokkummaa barbaaduudhaan nagaa ijaaruu jalqabuun ni danda’ama. Jalqabamuus qaba,” kan jedhan, prezidaant Baayiden, “Barri kun bara nagaa fi araarri Itiyoophiyaa fi Ertiraa, akkasumatti guutummaa addunyaa irratti bu’u, maatiilee fi hawaasaalee furmaata argatan akka tahu nan kadhadha,” jechuudhaan dhaamsa waggaa haaraa Itiyoophiyaa fi Ertiraaf dabarsan kana xumuran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG