Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waggoata 25n Dabran Keessatti Injifannoolee Hedduu Galmeessisne, Jedhu Hoogganoonni EHADEG. Mormitoonni Garuu Ni Morman


Mootummaan Dargii kan itti kufee fi Ehaadeg taayitaa itti qabate, Caamsaan digdamni Itiyoophiyaa keessatti qophii adda addaan ayyaaneffamaa jira.

Waggoota digdamii shanan dabran keessatti paartiin isaanii dameelee adda addaatiin milkaa’ina galmeessisuu isaa dubbatan, Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa, Obbo Hayile-maariyaam Dessaalegni. “Kan argamsiisuufis wareegama ol’aanaa tu baafame. Qabsoo hadhaawaa keessa darbame,” ka jedhan, Obbo Hayile-maariyaam, injifannoolee guguddoo galmeeffaman jedhanis ennaa ibsan, tokkoffaa, Caamsaa 20 irraa jalqabee jijjiirraan bu’uraa murteeffame tokkoffaan biyyi keenya dinagdee ganaa walabaa yokaan kaappitaalistii akka qabaattu taasisuu akka tahe ibsanii kanas itti milkoofnee jirra” jedhanii jiran.

Ka biraan hawwii fi fedhii sabaa fi sab-lammootaa guutuuf sirna dimookiraasii paartii tokkoo ol of keessaa qabu ijaaruudhaanis ka milkaa’an ta’uu dubbatan.

Hoogganoota paartiilee mormituu keessaa tokko ka ta’an, dura-taa’aan Koongiresa Federaalawa Oromoo, Dr. Mararaa Guddinaa garuu, “mootummaa fi namoonni xiqqoon mootummicha irraa dantaa addaa argatan, wanna adda addaatti milkoonee irra jedhan iyyuu, uummatni bal’aan miliyoona hedduutti lakkaawamu rakkoo hamaa keessa jira” jechuun, waggoota digdamii-shanan bulchiinsa Ehaadeg qeeqan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:13:03 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG