Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waggoota Walitti-aananiif Yeroon Roobaa Sirraa'uu Dhabuu tu Rakkoo Fide


Hanqinni roobaa walitti fufee uumame rakkoo caamaa hamaa amma nu mudateef gumaache, kanneen jedhan jiraattottonni Godinaa Arsii Dhihaa yeroo ammaa gargaarsa fudhataa jiran. Mootummaa Itiyoophiyaatu Dhaabbata Misooma Sadarkaa Addunyaa, ka Yunaayitid Isteetsii,USAID fi dhaabbatoota gargaarsaa ka biroo waliin wal-gargaaruu dhaan gargaarsaa kana kennaa jira. Godinaa Arsii Dhihaa, aanaa Shaalaa, magaalaa xiqqoo Hajjee jedhamutu, bakka gargaarsi itti raabsamaa jirutti Korojoolee mallattoon "USAID" jedhu irraa mul'atuu fi qorqoorroolee zayitaa mallattoon USA irra jiru tarreessamee mul'ata, jedha gabaasaan keennya.

Waajjira Ittisa Balaa, ka Mootummaa bakka-bu'uudhaan ka gargaarsicha raabsaa turte, Caaltuu Taaddesee akka jettutti, midhaan gargaarsaa ka dhiheessu daabbata gargaarsaa Waldaa Kaatolikii, ka Catholic Relief Services jedhamu yoo tahu ka gargaarsicha raabsu ammoo Dhaabbata Misooma Sadarkaa Addunyaa Yunitid Isteets, USAID dha.

Roobni dhabamuu irraa loon silaa gurgurree nyaata ittiin bitachuu malle illee nu jalaa dhuman. ka jedhan, gargaaramtoota sana keessaa maanguddoon Sheekkattoo Qashur jedhaman, loon digdamii-saddeet qaban keessaa lama qofti harkatti hafuu dubbatu. Gargaaramtoonni ka biroon illee waan jedhan qaban. Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG