Garee lamatti qoodamee wal falmaa kan jiru hoggansi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) guyyoota darban torbaaf galma sidaa wareegamtootaa isa
Maqalee keessa jiruutti gumii gaggeessaa ture Wiixata har’aa xumuuree jira. Gareen Dr Dabra Tsiyoon G/Mikaa’eliin hogganamuu obbo Geetaachoo Raddaa aangoo itti aanaa dura teessummaa paartii irraa kaasee jira.
Ibsa ejjennoo gumiin kun baase Obbo Geetaachoo Raddaa dabalatee hogganoota gumii kana irratti hin hirmaatiin hafan miseensuummaa Paartichaa irraa dhorkee jira. Gumiin kun Dr Dabra Tsiyoon G/Mikaa’el dura ta’aa Hiwaat gochuun filee jira. Dubbii himaa gumii kanaa kan turan obbo Amaanuu’el Asaffaa bakka obbo Geetaachoo Raddaa filatamanii jiru. Qophiin gumii kanaa akkaataa hojii fi Dambii paartichaa kan cabsee dha jechuun gaggeffamuu isaa kan mormaa turan Onbo Geetaachoo Raddaa, hogganoota mormiitootaa kan ittiin jedhan keessaa baasuu irratti kan akeekkate jedhan.
Boordiin filannoo biyooleessaas deemsa seera hin guunnee kanaaf beekkannoo akka hin laannee akkasumas murtoon darbuus fudhatama akka hin qabne Obbo Geetaachoo Raddaa duraan beeksisuu isaanii Muluugeetaa Atsebahaa Maqalee irraa gabaaseera.
Forum