Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wal Falmitoonni Kaleessaa Haala COVID-19 Irratti Jecha Cimaan Walii Deebisaa Turan 


Filannoo prezidaantummaa Yunaayitid Isteetis jalqaba baatii dhufuu irratti geggeessamuuf kan itti-aanaa prezidaantummaaf Rippaabilikaanii irraa dorgoman itti-aanaa prezidaantiin yeroo ammaa Maayik Peensii fi ka dimookiraatota irraa taayitaa kanaaf dorgoman seneetarri Kaalifoorniyaa Kamala Haaris, halkan dabre Salt Lake City, Utah keessatti miidiyaatti dhihaachuun wal-falmii geggeessanii jiran.

Wal Falmitoonni Kaleessaa Haala COVID-19 Irratti Jecha Cimaan Walii Deebisaa Turan
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:59 0:00

Mike O’Sullivan akka gabaasetti prezidaant Doonaald Trampii fi kanneen biroon White House keessaa sababaa vaayiresii koronaan qabamaniif jecha qofaatti of baasuun, haala bulchiinsichi COVID-19 itti qabu danqame jira. Prezidaantii fi giifti dureen akkasumas kanneen biroon White House keessaa COVID 19n qabamuun waa’ee falmii jiruu haguuge kan jedhan Haris Tramp deebii isaan vaayiresii kana ilaalchisee kennan kan nama jeequ.

Kamaalaa Haris akka jedhanitti lammiiwwan Ameerikaa seenaa biyya keenyaa keessatti kufaatii bulchiinsa prezidaantummaa argamee hin beekne arge.

Itti aanaa prezidaant Peens immoo, bakka vaayiresiin kun ka’e chaayinaatti imalli godhamu murtaa’aa akka ta’u kan godhan Tramp xumura baatii Amajjii irra tamsa’inni vaayiresii kanaa akka gad xiqqaatu godhe jedhan.

Lammiiwwan Ameerikaa Joo Baayiden imalli Chaayinaatti godhamu akka rarraafamu ka Tramp ajajan mormuu isaanii beekuu qabu jdhan.

XS
SM
MD
LG