Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wal Ga’iin Finfinnee Dhukaasa Dhaabinsaaf Iyyate


Dura taa'aa komiishina gamtaa Afriikaa Jean Ping
Dura taa'aa komiishina gamtaa Afriikaa Jean Ping


Wal ga’iin gamtaan Afriikaa Finfinnee keessatti geggeesse kun hookkarri Libya keessaa gara wal waraansa bal’aatti akka hin deemne gochuuf tattaaffii ta’u keessatti qaamotii ijoo ta’an walitti fide.

Bakka bu’aan muummiicha barreessaa tokkummaa mootummootaa Ban Ki-moon, miseensonni gola naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa, biyyoonni holloota Libya, fi kan godinaa balaliin keessatti dhorkame hojii irra oolchan humnootiin wal taatotaa argamaniiru.

Moammar Gadafiinis jiloota miseensota shan qabu kan afaan yaa’ii congresa uummataan hoogganamu ergan.

Mufannaa guddaan ripxe loltoonni farra Gadafi argamuu dhabuu isaanii ture.Ripxe loltoonni mootummaa Gadaafii fonqolchuun akka haal dureetti yoo kaa’ame malee marii sana irratti hin hirmaannu jedhan.

Dura taa’aan komiishina Gamta Africa Jean Ping wal ga’ii jimaata har’aa wayita banan akka dubbatanitti furmaati argamuu kan danda’u mariin jijjiirama polotiikaa kan biyattiin addaan akka hin qoodamne ittisu yoo geggeessame qofa jedhan. Garuu jedhan ping tarkaanfiin inni jalqabaa lola dhaabuuf walii galuu dha.

Gabaasa guutuu MP3 tuquun dhaggeeffadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG