WASHINGTON,DC —
Bara dabre jechuun 2019 keessa hariiroon Yunaayitid Isteetis fi Chaayinaa gidduu, wal-mormii daldalaa irraa kaasee haga wal-dhibdee waa’ee Hoong Koongii fi dhimma mirga dhala-namaatti qormaata guddaa keessa galee ture.
Walii-galtee daldalaa marsaa duraa, ka biyyoonni lamaan dilaalaa oomishaalee walii irratti muramu hanqisu mallatteessaniyyuu, wal-dura dhaabbannii Mootummaa Waashingtonii fi Ka Beejing waan iddoo dhaa socho’e hin fakkaatu.
Gabaasaa Brus Fwerder kana ilaalchisuun qopheesse, Nugusuu tu dhiheessa.