Wal waraansa Rippaabilika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti taasifamaa jiruun Namoonni 3,000 tti siiqan ajjeefamaniiru jette itti aantuun ergama dhaabbata mootummoota gamtoomanii Kan Rippaabilika dimookiraatawaa Koongoo.
Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti Itti aantuun ergama dhaabbatichaa kan Rippaabilika Dimookiraatawaa Koongoo Vaan deepeeree Roobii kaleessaa oduu gabaastootaaf akka ibsitetti gareen dhaabbata mootummoota gamtoomanii reeffa namoota Goomaa keessatti du’aniiranii daandii irraa kaasuutti kan jiraniif gareen hidhattoota M23 gargaaraa jiru jettee hanga ammaattis yoo xiqqaate namoonni 3000 ajjeefamaniiru , hanga guyyoota dhiyoottis daandiiwwan magaalaa Gomaa irraa reeffi namoota 2000 kaafamuu ibsitee hospitaala Goomaa keessati ammayyuu reeffi namoota 900 hafeera jettetti. Vaan deepeereen Gomaan buufata xiyyaaraa dabalatee to’annoo garee hidhattoota M23 kan mootummaan aangoo irra jiru tarree shororkeessaa jala galcheeru jala jirtis jedhee namoonni nagaa kaanneen wal waraansicha jalaa baqatan kanneen 2,000 ta’an buufata nagaa eegdoota kan dhaabbata mootummota gamtoomanii keessa da’atanii jiru , yeroo ammaa buuffachi guutummaa guuttis namoota siivilii Kanaan guuteera jetteetti.
Forum