Jaarmiyaan dhaabbata mootumoota gamtoomanii dhimmaa baqatootaa irratti hojjatu UNHCR jimaata har’aa akka beeksisetti, walwaraansa baha RDK keessatti taasifamaa jiruu Kanaan buufataleen baqatootaa waan manca’aniif namoottan kuma 300 fi kuma 50 ta’an bakka daawoo hin qabnee irraa qubatanii jiru.
Dubbii himaan UNHCR E’ujiin Byun suur-sagaleedhaan Jeneevaa irra akka oduu gabaastotatti himanitti, bakkaawaan namoottan qe’ee isaanii irraa buqa’an keessa qubatanii jiran keesaa, mooraan magaala Goomaa cinatti argamu dhibeentaa 70, inni bakka Minoovaa jedhamutti argamu immoo, guutummaatti meeshaa waraanaa hidhatootaatiin barbadaa’aniiru.
Sababumaa Kanaan namoottan kuma dhibbatti lakawamaan yeroo ammaa bakkawaan waldaalee amantaa fi hospitaalootaa keessa qubachuudhaaf akka dirqaman UNHCR beekisiraa.
Karaa biraatiin, kutaa sana keessatti kan bobba’ee jiru jarmiyaan naga eegumsaa mootumoota gamtoomanii inni “MONUSKO” jedhamee beekamu kamisaa kaleessaa akka ibsetti, gareen hidhatootaa biroo biyyatti keessa socho’uufi “KODEKO” jedhamee beekamu siviiloota irratti halkaan haleellaa raawwaateen namoottan 80 ta’an ajjeeseera.
Biyyi Ruwaandaa garee hidhatootaa M23 jedhamu gargaaruu isheetiifi loltoota ishees biyyattii keessatti bobaasuu isheetiin mootummaa Koongootiin, dhaabata mootummoota gamatoomanii fi biyyoottan lixaatiin balaalefatamtee jirti. Ruwaandaan garuu himanna irrati dhihaatee irra deddeebiidhaan ni haalti.
Baha RDK keessatti lola dhiheenyaa kan cimee itti fufee jiruun, namoottan 3000 ta’an ajeefamanii, kaneen kuma dhibbaan lakkawamanu immoo jireenyaa isaanii irraa buqa’uun isaanii gabaasamee jira.
Forum