Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wal Waraansi Libiyaa Keessaa Itti Fufeera


Libiyaa keessatti mootummaa fi mormitonni wal waraanaa kan jiran ta’uus, humnootiin wal taatotaa samii biyya Libiyaa guutuummaatti to’achuu isaanii Qoondaalli gameessi waraana Briteen tokko beeksisanii jiru.Maarshaal Greg Bagwell akka jedhanti rakko tokko malee Libiyaa irra balali’uu danda’uu.Kana malees humnii qilleensaa kan gaadaafii ammaan booda samii irraan waraana gaggeessu hin danda’au jedhu.

Gama kaaniin,humnootiin Moammar gaadafiif amanamoo ta’an naanoo riphxee looltotaan to’atamu kan gama dhiyaa fi bahaa haleelaa jiru.Magaalaalee misrata fi Zintan keessatti humnootiin Gaadaafii haleellaa itti fufanii jiru.Prezidaant Gaadaafiin riphxee looltootaa fi humnootii adunyaa irratti injifannoo ni arganna jechuun eega dhaadatanii booda wal waraansii itti fufuun dhaga’ame.

Maadheelee mootummaa mirata fo Ajdabiya keessaa irratti haleellaan samii irraa gaggeefamuun kan ibsamee ta'uus maddeen walaba biraa mirkanii hin arganne.MP3 tuquun gabaasa guutuu dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG