Wal waraansi Sudaan keessaa jeequmsoonni Sudaan Kibbaa keessattis akka Uumamu taasiiseera jedhe Sudaan kibbaatti hoogganaan ergama dhaabbata mootummoota gamtoomanii. Hoogganaan ergama dhaabbata mootummoota Gamtoomanii kan Sudaan Kibbaa Nikoolaas Haaysaam Roobii kaleessaa mana maree nageenyaa kan dhabbata mootummoota Gamtoomaniif ibsa kenneen wal waraansi Sudaan keessaa Sudaan kibbaa keessattis jeeqqumsi akka uumamuuf sababa ta’uun haalli diinagdee fi siyaasaa rakkoo keessa akka galu taasiiseera jedhe. Dubbii isaa keessatti bu’aan summii walitti bu’insa Sudaan keessaa gara Sudaan kibbaatti cee’uun jeequmsi Juubaa keessaa akkasumas lammiileen Sudaan Kibbaa Waad Madanii keessatti ajeefamuun agarsiiiftuudha. Jeequmsonni kunneen hallai diinagdee rakkoo keessa galuun gatiin jireenyaa uummata irratti akka dabalu taasiiseera, gatiin nyaataa gidduu galeessaan daballii dhibbeentaa 200 , sadarkaan qaala’insaa dhibbeentaa 107 irra kan ga’ee fi Yoo xiqqaate ji’oota 10 darbaniif miindaan hojjettoota mootummaa osoo hin kaffalamiin jiras jedheera.
Angawoonni Dhaabbbata mootummoota Gamtoomanii akka ibsanitti Maddi diinagdee biyyattii inni guddaan boba’aa kan ta’e sababa wal waraansa Sudaan keessaan gara alaatti baafamuuf Kurmaana lammaffaa Bara 2024 irraa kaasee danqamuun rakkoof saaxileera. Rakkoowwan Kanneen cianaattis Filannoo Sudaan kibbaa dhufaa jiru amanummaa isaa irraatti haalonni jiran yaaddoo biraa qabatanii jirus jedhameera.
Forum