Gamtaan Afrikaa fi Koreen baraarsaa Adduunyaa qibxata har’aa akka beeksisanitti walwaraansii ji’a Ebilaa bara 2023 garee waraana Sudaanii fi Umna dafee qaqqabaa ykn isa RSF jedhamu giduutti jalaqabamee namoottan Miiliyoonii 12 ta’an jireenyaa isaanii irraa buqisee, da’immaana kuma dhibbatti lakkawaman akka nyyaata gaha hin arganne taasiseera.
Sudaan keessatti dura ta’a garee gamtaa Afrikaa kan ta’an Mohaamad Ibin Chaambas Qibxata har’aa toora miidiyaa hawaasaa X irratti akka beeksisanitti, walwaraansichii, raabsaa gargaarsa namoomaamaa danquudhaan hanqinii midhaan nyaata akka umamuu fi beelli akka babbalatu taasisee jira.
Dhimma gargaarsaa ijoolewwanii irratti haanga’a gameessa gamtaa Afrikaa kan ta’an Wiilson Alme’idaa Ada’oo gama isaaniitiin ibsaa fuulaa midiyaa hawaasa X irratti kenanniin, nyaatta gahaa dhabuudhaan kan ka’e daa’imman manaa yaalaa seenaa jiran, bara 2024 dhibeentaa 44 dabalee lakoofsii isaaniis, kuma 400 fi kuma 31 gahee jira.
Walwaraansa Kanaan hokorrii ijoolleewwanii fi dubartootaa irra gahuu caala hammachaa deemaa jiraachuu isaa, namoottan duloomanii fi dhukubsatoon walaansaa fayyaa dhabuun isaanii , mannoottan baruumsaa fi hospitaalonni manca’uu isaanii, ijooleewwan dirqiidhaan akka loltuu ta’an taasifamaa jiraachuu isanii ibsii haangaa’ota gamtaa Afrikaa kun dabalee beeksiseera.
Rakkinichii kan furmaata argachuu danda’u marii siyaasatiin malee wal waraansaan, wal moo’uudhaan akka hin taa’ne ibsuudhaan gareewwan wal lolaa jiran akka gara marii siyaasaatti dhufan haanga’onii gammatta Afrikaa kun hubachiisuun isaanii gabaasameera.
Forum