Waraana Sudaan fi humna saffisaa biyyatii gidduutti wal waraansii adeemsifamaa jiru biyyattiin of sooruu dadhabuu isheen balaadhaaf kan saaxilee fi namoota hedduu beelaa fi hiyyummaa hundee tolfatee keessa galchee ta’u gabaafamee jira.
Dhaabbatii oduu Rooyitars Wiixata har’a akka gabaaseetti, qonnaan bultoonni baankota irraa liqii tokkollee argachuu dhabuu isaanii fi gatiin meeshaalee akka xaa’oo fi boba’aa olka’aa ta’uu isaanii gam tokkoon akka midhaan hin facaafanneef duubatti harkisee jira.
Dhaabbanni oduu kun qonnaan bultoota, ogeeyyii fi hojjettoota dabalatee namoota kurnaa ol waliin haasa’uu ibsee, keessumaa qonnaan bultoonni afuur, Rooba baatii keessa jirru Adooleessa dura midhaan facaasuu hin dandeenyu mitii jechuu isaanii ibse.
Sudaan gara beelaatti qajeelaa jirti jedhu Qonnaan bultoonni, xiinxalli Tokkummaa Mootummootaa immo, tilmaama kana gochuuf yeroon isaa gonkumaa hin geenye jedha.
Kana malees, dhaabbileen gargaarsaa gareewwan wal waraanaa jiran lamaan gargaarsii namoomaa akka hin seenne dhorkuu isaanii himatanii jiru. Gamnii lachuu haala mijeessuu isaanii kan dubbatan yoo ta'u, lamaanuu inni tokko isa kaaniin isaantu gargaarsii akka hin seenne ugguraa jechuun wal himatu
Reuters/jg/tg/dw
Forum