Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walakkaa Jaarraa Keessatti Beela Hamaatu Somaaliyaa Mudachuuf Jira


Faayilii: Hoogganaa dhimmootii gargaarsa namoomaa kan tokkummaa mootummootaa, Martiin Girifi, Fulbaana 5, 2022
Faayilii: Hoogganaa dhimmootii gargaarsa namoomaa kan tokkummaa mootummootaa, Martiin Girifi, Fulbaana 5, 2022

Hoogganaan dhimmootii gargaarsa namoomaa kan tokkummaa mootummootaa Maartiin Girifith kibxata darbe akka dubbatanitti baatilee dhumaa dhufaa jiranii fi jalqaba waggaa dhuftuu irra beela Somaaliyaa keessaa ittisuuf yoo xiqqaate doolaara biliyoona tokko kan gargaarsa hatattamaaf oolu akka barbaachisu tilmaamaniiru. Waqtiin hongee lama itti dabalaa seenaa keessatti hongee gaanfa Afriikaa mudatu daran hammeessu jedhamee eegama.

Magaalaa galma mootummaa Somaaliyaa Moqaadishoo keessatti haasawaa kan dhageessisan Girifith gareen hayyoota walabaa akka amananitti, akka isa bara 2016 fi 2017 of irraa hin ittisnu taanaan baatii Onkoloolessaa qabee hanga Muddeetti Somaaliyaa keessa beelli jiraachuuf deema.

Kun sadarkaa addunyaatti ka mudachuu malu ilaalchisee beeksisa jalqabaa ti. Carraa beelli mudachuu fi labsii koree gamaaggama dhimma beelaa, Akkuma isin beektan, labsiin kun kan sadarkaa addunyaa, of eeggannoon kan geggeessame, baay’ee bal’aa fi xiinxalamee kan ani dhiyeessee fi ibsa kaleessa gaazixeessotaaf kenname irratti akeekkachiisa dhumaa ani beeksisee dha jedhan.

USAID dhaan kan qophaa’e caasaan dursee akeekkachiisu gabaasa Wixata darbe baaseen akka beeksisetti xumura waggaa kanaa Somaaliyaa kibba gama bahaa naannoo Beey keessa kan jiran Baaiyidooyaa dabalatee naannoleen sadii gargaarsa hatattamaa hin argatan taanaan beela’uu malu jedhamee eegama.

Naannoon gaanfa Afriikaa walakkaa jaarraa keessatti yeroo roobaa afur walitti aanu dhabee jira. Kunis uummata miliyoona 20tti hedamu kan biyya addunyaa irraa hiyeeyyii ta’anii fi jeeqamaan raafaman keessa jiran balaaf saaxilee ira.

Girifith akka jedhanitti sagantaan nyaata addunyaa lammiiwwan Somaaliyaa miliyoona 5.3 ta’aniif gargaarsa kennaa ture. Kunis hedduu dha, garuu yoo beelli mudate hammaachuuf deema. Gargaarsa kenname keessaa dhibba irraa harki 98% karaa raabsa maallaqaa karaa bilbilaatiin kan kennamu ta’uu eeraniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG