Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waldaan Awurooppaa Burundii Rakkoo Biyya Isii hin falle Jedhee Ammaaf Gargaarsa Irraa Dhaabe


Waldaa Awurooppaa(European Union)
Waldaa Awurooppaa(European Union)

Burundiin, keessattuu ganna dabree asitti, eegii mootummaan perezidaantii biyya sunii Piiyeer Nukurunziiaa seera malee bara hujii dheereffate huji irraa bu’uu dide asitti rakkoo keessa jirti.

Ummatii hiriira bahee rakkoo himatee tana irratti nama hedduutti dhumatee hedduutti hidhame.

Waldaan Awurooppaa(European Union) Burundiin rakkoo Ebla ganna dabree jalqabee namii 400 caalaan irratti dhumatee fala jabaa itti hin barbaanne jedhee maallaqa mootummaa sunii kennu irraa tursuutti jira.

Balleessaan akka Waldaa Kanaatti ta perezidaantii Pierre Nkurunziza ti.Isatti ummatuu dhumuu hin dhowwin.Horiin Waldaan Awurooppaa bara 2014-2020 Burundii kennuu $miliyoona 480.

Bulchoota Waldaa Afrikaatii fi ta addunyaalleen rakkoo Burundii falumatti jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG