Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waldaan Dargaggoo Oromoo MN,'Nu' Abdii bori jedhee nama beelahee horii guure


Eegii hujii jalqabee amma gara ganna kurnya tokkoo keessa jira. Hujiin isaa guddoon biyya jirutti aadaa Oromoo guddisuu, rakkoolee irratti mari’achuu,qophii aadaa, ispoortii, waldorgommii fi waan akka akkaa qopheessee dargaggoo Oromoo ta USA keessa jiran waan hedduun walti qabuu.

Waldaan Dargaggoo Oromoo MN kun waldoota dargaggoo akkanaa ka Amerikaa keessatti Waldaa Darggaggoo Oromoo Addunyaa,IOYA jalatti gurmaahan keessaa tokko.Hujiin waldaa kanaa ta dhibiin rakkoo biyyaa keessaa qooda qabaachuu.Waldaan kun qophii gaafasiitti akka isaan jedhanitti haga humna barataatti $400 waltii guuranii nama Gaafa Afrikaatti beelaheef ergan.

Akkuma kanaan waldaaa kun Onkololeessaa 8,2011tti nama Afrikaa gama Gaafaatti beelaheef horii walti qabuuf soora qopheesse. Amaanee Badhaasoo itti gaafatamtuu Waldaa Dargaggoo Oromoo damee MNti.

“Nuyi Abdii boriiti…wannii nu nyaata qopheessineef akka jarii sun nyaata nyaatu sun namii biyyaalleen nyaachuu fedhaa…waan beelti nama gootu ammoo viidiyoo agarsiifne itti mullifne kun ammoo qalbii isaanii keessallee akka hin baane godha.”

Tana malee akka jecha Amaaneetti,”haguma dandeennutti waanuma qamnuun ummata qarqaaruuf horii walti qamne…ufii biyya jiraannullee garaan keenna achuma jiraa,” jetti.Abbootiin teenna addunyaa tana nutti dhiisanii deeman kanaafuu waan hedduu hojjachuu qamnaa jetti.

Abdusalaam Abdaa nama waldaa kanaa horii qabu,”Nama hedduutti biyyatti rakkatee Median addunyaatuu iyyuufiitti jiraa nu hoo maal goone jennee wal gaafannee nama MN keessa jiru walti qamnee horii guurree,”jedha.

Misraa Uumar itti gaafatamtuu odeeffannoo OYA,Oromo Youth Association,Waldaa Dargaggoo Oromoo ti, “Waldaan keenna waan hedduu hojjachuutti jiraa…waluma gargaarree waan tokkoo haa hojjannuu.Namuu hawwii yoo qabaate waan tokko godhuuf waan tokkoo godhuuf namuu hinuma dandaha.”

Akka itti gaafatamtootii Waldaa Dargaggoo Oromoo kun jedhanitti waldaan isaanii abdii abbootii isaanii fudhatee hojjachuuf egeriifillee waan namii biyyaa keessa jiru quba qabaachaa hojjata.

Mee hujii Waldaa kanaa marsaa Interneetii tanaa www.oromiayouth.org irraa caqasaa achumaan marii teennallee MP3 irraa caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG