Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waldaan Ortoodoksii Maqalee Buqqaatotaaf Gargaarsa Gumaachite 


Faayilii - Namoota qehee irraa buqahanii Yunvarsiitii Aksuum keessaa yeroodhaf dahatanii jiran, Bitootessa14, 2021.
Faayilii - Namoota qehee irraa buqahanii Yunvarsiitii Aksuum keessaa yeroodhaf dahatanii jiran, Bitootessa14, 2021.

Kutaan lallabaa Maqalee qarshii miliyoona saddeet ol walitti qabuu dhaani, meeshaalee adda addaa fi midhaan nyaataa bituu dhaan saabaa lola sanaan qe’ee ofii irraa buqa’anii manneen barnootaa garaa garaa keessa qubatanii kanneen jiraniif deggersa gochuu isaa itti gaafatamaan kutaa lallabaa Meqelee Melaake Birhaanaat G/Sillaasee Hishee ibsaniiru.

Kutaan lallabaa kun buqqaatonni kun Meqelee erga seenanii qabee, hawaasichi deggersa akka godhu barsiisuutti dabalee ofiis deggeraa jiraachuu Melaake Birhaanaat G/Sillaasee Hishee dubbataniiru. waldooliin kiristyaanaa Maqalee lammiiwwan bakka adda addaa qubatanii jiran gargaaraa akkasumas barumsa amantii barsiisaa jirti.

Kana males ayyaana Faasikaa buqqaatota kana waliin kabajuu isaanii illee ibsanii jiran. Abbootii amantii Waaldibbaa dhaa ari’amaniif qarshiin 120,000 herrega baankii isaaniitti akka galuuf ta’ee jira. kanneen dhibee ture kan akka sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa qaban wal’aanuuf illee bajata qarshii 150,000 waldattiin ramaduu ishee dubbataniiru.

Kutaan lallabaa Maqalee buqqaatotaaf meehsaalee bu’uuraa fi midhaan nyaataa dhiyeessuutti dabalee, hoogganoota amantii jireenya isaanii irraa buqqa’aniif kitaabota qulqulluu adda addaa fi uffannaa mana sagadaa ennaa dhaqan uffatan raabsuufii ishee illaa Melaake Birhaanaat G/Sillaasee Hishee ibsaniiru.

Harka isaanii duwwaa ba’an waan ta’eef yeroo mara kitaabota qulqulluu dubbisuu dhaan kadhannaa godhatu waan ta’eef isa males jiraachuu waan hin hin dandeenyeef deggersi kun godhameeraaf jedhan jechuu dhaan Alem Fissehaa Meqelee irraa gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG