Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waldhabiinssi Maalii fi biyyootan lixaa jabaachaa jira


Waldhabiinssi biyyaa maalii fi hawaasa adduunyaa keessumaa biyootan lixaa gidduutti adeemaa jiruu jabaachaa akka dhufe gabasaamaa jira.

Mootummaan loltootaa yeroo amma maalii bulchaa jiru yeroo gabaabaa keessatti flanoo taasisuudhaan aango gara sivilotaatti akka deebisuu gaafatamus amma bara 2026 filannon taasisuu akka barbaanne waan beekisiseef walta’iinsii dinagdee biyyoottan Afrikaa gara lixaa inni "ECOWAS" jedhamee beekamu malii irratii murtoo qoqqobii labseeraa.

Tarkaanfii kana hordofuudhaan waldhabdeen maliidhaaf biyya Faransaay gidduu jiruu cimee itti fufee jira. Riphee loltootaa amantaa islaamaa hordofuu jedhaman loluudhaaf jechaa bara 2013 kaasee waraanaa ishee kan maalii keessaa galchite Faransaay akka waraanaa ishee baaftu karaa mootummaa maalitiin dhiibbaan irratti taasifamaa jira.

Waraanni dhuunfaa dhaabbataa biyyaa Raashaatiin gaggeesamu maalii keessaa waan seenee jiruuf , dhaabbataa mootumootaa gamtoomanii jalatti eegumsaa nagaatiif jechaa loltootaa isaanii maalii keessatti kan bobbaasaan biyyoottan Awuroopaa loltootaa isaanii baasuudhaaf yaadaa akka jiran gabaasini Annie Risemberg Bamaakoo irraa qindeesite ibseera.

Akka gaabasiin kun jedhutti dhimmaa nageenya kabachiisuutin walqabatee torban kanaa kan maalii seene waraanii Daanish akka daangaa biyyatti gadi lakkisee bahu mootummaa Maalii irraa ajajjinni kennameeraaf.

Xiyyaarii waraanaa Faransaayii Ayivoorii koost irraa ka’uudhaan daangaa qileensa ishee eeyyama malee seenu isaatiif maaliin biyya Faransaay balaaleffachuun ishee gabaasameeraa.

Sababa waraana Mootummaa Maalii leenjisuudhaan kan biyyatti keessa seenee dhaabbanii Raashaa Waaginer Giruup jedhamu, akkasumas nageenyaa naannoo Sanaa shororkeesitootaa irraa eeguudhaaf jechuudhaan waraan nagaa eegdotaa kan mootummoota gamtoomaanii jalatti gurmaaye, akkasumas waraanni biyyya faransaayii maalii keessatti wal gahanii yemuu jiran kanatti rakkinaa biyyatti keessaa jiruu fala waraanaatin furuun akka hin danda’amenne himamaa jira.

Ogeesii walabaa mirgaa namoomaa maalii kan Mootumootaa gamtoomanii Aliyo’une Tiine falli rakkinaa Maalii hikuu malu isaa umnaa waraanaatin alaa jiruudhaa jechuudhaan ibsuun isaanii gabaasameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG