Minisootaa ‘Little Oromiyaa’ akka warrii qopheesse jedhetti nama kuma hedduutti itti yaahuutti jira fakkaata.
Torbaan Oromoo,guyyaa gannuma gannaan bulchiinsii Amerikaa Oromoo kennee qopheessu.
OSFNA,Federeshiiniin Waldaa Ispoortii Oromoo barana waliin marroo 24 waldorgommii ispoortii Oromoo ardii North America qopheessa.
Akka Tishoo Tafarraa,koree OSFNA keessaa jedhetti barana kilaboota kubbaa miilaa Oromoo 26 dorgommii tanaa dhufa,tana keessaa 2 ijoollee dubraati.
Kanaadaa keessallee kilabii lamatti dhufaa karaa jira.
Dorogmmii OSFNAn qopheesse keessaa
Fiigicha,kubbaa saaphannaa…
Qophii bashannanaa keessaa
Fiilmii Oromoo ‘Xiiqi’
Taphaa fi kobla Oromoo:Oromo Comedy
Agarsiisa dizaayina Oromoo,Moo’ii Xilahun agarsiiftu fi Halkan bashannanaa
Tana malee ogeeyyotii fayyaa Oromoo torbaan Oromoo sun keesatti achitti tolaan namaan wallaanan.
Dorogmmiin baranaa Istaadiyoomii Mana Barumsa Sadarkaa Lammeessoo Maple Wood keessa
9800 Fernbrook Ln N, Maple Grove, MN 55369