Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waldorgommii OSFNA,2011 Oromiya11 STARSti moohate, Aliitti goolii galche


Bulchootii Minneapolisii fi St.Adoolessa 16-23,2011 Torbaan Oromoo jedhanii seeraan labsaniif.

MNduruu nama Oromoo kuma 30,000 keessa jiraataaf little Oromia ykn Oromiyaa lammeesso jedhee namii Oromo baafate taanitti aan,namii hedduu walti dhufuun naminuu waan muudaa walti godaan ka jedhulleen hinuma jira.

Dhalaa fi hariyaa,firaa fiixaan wal arguuf, kaan ammoo guyyaa Torbaan Oromoo kanaaf walti dhufa.

Barattootii,barsiisota,doktorootaa fi beekaan Oromoo ka qophii tanaa yaaman waan qoratee argee,barsiisuuf,marichiisuuf walti yaaha.Gama kaaniin ammo qophii Ispoortii,marii amantii,marii siyaasaa fi waan akka akkaatti jira Torbaan Oromoo keessa.

Qophii baruma baraan USA fi Candan wal irraa fuudhanii qopheessan tan agama Ispoortiitiin OSFNA,Oromo Soccer Federation of North America,Federeeshiinii KubbaaMiilaa Oromoo Amerikaa gama Kaabaattii fi Hawaasa Oromootti qopheessa.

Keessummaa hagana geettu tana ammoo sirbitu Oromoo dabalee hawwisoo dargaggoo Oromootti waliin gammachiisa.

Dorgommii OSFNA ta marroo 16eessoo ta baranaa Oromia-11 Stars,garee MNti moohate.Gareen tun haga dorgommiitti seentee ganna afreesso keessa jirti.Durii guddo tahuuf battullee barana garee Atlaantaa,Afran Qallo 4-2,Qerransa Portland 8-0,Utaa waayyuu3-2,garee Seattle Madda Walaabuu Seattle 2-2 gargar baatee eegee adabbiin moohattee eegee garee 10,000 lakes 1-0 moohattee asi geette.

Feysaal Aadan Jiloo leenjisaa garee Oromia-11 Starsiiti.

“Gammachuun teenna moohachuu qofaa mitii namii keenna akkana walti dhfuun nuuf gammachuu guddoo.”

Lanchaa Kadirtiif ammoo guyyaan kun guyyaa guddaa,“ogguma namummaan keenna walti dhufee walgahee sanumatti namatti tolaa…beektaa.”

Hujii tana ijoollee kahimaatti qopheesse,maanguddoon waldeennaa Torbaan Oromoo tana akkamitti ilaalti.Obbo Jeyluun Danboollee warra MN dhaqee keessaa tokko.

“Ijoollee akaakayyuu fa fidnee dhufnee,ijoolleen asitti dhalata afaan isaanii,aadaa isaanii baruuf,uffata aadaa faatti gurguramaa…afaan Oromummaatiin torbaan kun xumuramee…dargaggon waan akkana dalaguun hedduu abdii nuu kennee jira.”

Torbaan Oromoo ganna dhufuu Canda,mee waan nu qopheessine ammo MP3 irraa nu caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG