WASHINGTON,DC —
Yeroo dorgommii prezidaantumaa Yugaandaaf kanneen dorgoman kaadhimuun as dhihaataa jirutti mormituun siyaasaa – namni muuziqaa maqaa “Boobii Waayin” jedhamu barcuma sadarkaa ol’aanaa kanaaf dorgomanii ededa aangoo biyyattii raasuuf qophaa’uu isaanii dhaadatu.
Ka waggoota 33f taayitaa prezidaantummaa Yugaandaa irra turan – Yoweerii Museviinii hoogganaa abbbaa-irree ta’uu isaanii dubbachuun qeeqan.
Museviiniin immoo gama isaaniitiin Boobii Waayin, diina Badhaadhinaa ti jechuun balaaleffatan. Bara dabarsine kana keessaa falmii guguddaa tu gidduu isaanii ture.