Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walgahii Ariifachiisaa Dhimma Israa'elii fi Palastiin Irratti


Dhaabannii mootumoota gamtoomanii dhimma Israa’elii fi Palastiin irratii maryachuudhaaf wal gahii hariifachiisaa gochuf derqameera . Wal gahiin kun kan ta’uudhaaf murtaa’e waamichaa dhaabannii tumsaa isilaamaaa fi biyootan araba miseensotaa Mootumoota Gamtoomanii ta’aniin dhiyateen akka ta’e beekameera.

Erga dhibeen koroonaa uumamee as yeroo jalqabaatiif qaamaan wal gahii gochuudhaaf ministeeronnii dhima alaa biyyootan adda addaa garaa magaala Niyoorkittii imalaanii jiru.

Akka lolli dhaabatuu kan gaafachaa tura barreesaan dhaabichaa Antooniyoo Guterees wal gahii kana irrati hin hirmaatu.

Karaa biraatiin,Ministeerii dhima alaa biyya jarman Heiko Maas gara nanichaa dhaqanii hoggantoota mootummaa israa’elii fi gaaree palastaayiin wajjin hasaa gochuun isaanii ibsameera. Kaayyoon daawannoo isaanii Lammiiilee garee lammanii warra halkanii fi guyya lubbuu isaaniitiif sodaachaa jiranuuf firummaa agarsiisuuhaaf kan jedhan Ministerii dhimma alaa jarman biyyii israa’el goolii rookeetii hamaas irraa of itisuudhaaf miga qabdi jechuun isaanii gabasameera.

Kamisaa har’aa lollii israa’elii fi palastayiin itti fufee xiyyaaronni waraanaa israa’el magaa Gaazaa, Deir al-balaah fi Khan Younis jedhaaman rukutaniiru jedhameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG