Tigraay keessatti torban dabree mariin uummataa gaggeeffamuu kan ibsan bulchiinsa naannoo Tigraayti itti gaafattuun waajiira komunikeshinii Aaddee Liyaa Kaasaa kanas aangawoota sadarkaa olaanaatu goodina dodinaa keessatti gaggeesse jedhee jira.
Marii kana irratti wal waraansii eega jalqabamee baatii kudha saddeeti as tokkummaan uummataa maal fakkaata akkasumas nageenyii Tigraay keessaa mirkaneessuu fi dinagdee guddisuu irrstti kan fulleeffate ta’uun ibsamee jira.
Magaalaa Maqalee keessatti walgahii gaggeeffame irratti Dr. Dabratsiyoon Gabra Mikaa’eel walwaraans amarii karaa nagaa furuu jechuun ennaa dubbatan hirmaattonni harka walitti rukutanii iliilchuun kan simatan ta’u kan ibsan hirmaattonni kun ta’u baannaan garu duula waraanaatti deebina ennaa jedhanis hirmaattonni deggersa qaban ibsanii jiru jedhan.
Kunis beela’anii du’u manna kabajaa biyya ofiif jecha wareegamuun ulfiina ta’u uummata beeku waan ta’eefii jechuun hirmaattonni dubbachuu isaanii Mulugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa gabaasee jira.