Xurree ittiin seenan

Breaking News

 Waliigaltee Araaraa Pritooriyaa Dura Balaan Dhaabatee Jira, Jedha Gabaasaan Qaama Hordoffii Tokko  

FAAYILII - Bakka bu’aan mootummaa Ityoophiyaa Redwaan Huseen fi bakka bu’aan Tigraay Geetachoo Redaa waldhabdee kaaba Ityoophiyaa hiikuuf marii Gamtaa Afrikaan durfame irratti waliigaltee oggaa mallatteessan, Piritoriyaa, Afrikaa Kibbaa, Sadaasa 2, 2022.

Gamtaan dhaabbilee Siiviilii Afirikaa gabaasa baaseen walii galteen nagaa Piriitoriyaatti Mootummaa Itiyoophiyaa fi humnoota Adda bilisa baasaa Uummata Tigiraay gidduutti erga taasifameen booda ammayyuu waantoonni qaawwaa uuman jirachuu ifoomse.

Kunis ammayyuu walii galtichi hojiirra oolmaan isaa guutuu miti kan jedhuunidha. Akka Gabaasichaatti humnoonni waraanaa Eritiriyaa ammayyuu Naannoo Tigiraay keessa jiraachuu adda baasuu isaa akkasumas dhimmoonni lixaa fi Kibba Tigiraay osoo hin furamiin waan jiraniif humnoonni Amhaaraa ammayyuu naannicha qabatanii waan jiraaniif kanneen qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiran gara qe’ee isaaniitti akka hin deebines eereera.

Forum

XS
SM
MD
LG