Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waliigaltee Somaaliyaa fi Itiyoophiyaan Tolfatan Simachuu Isaa Gamtaan Afrikaa Beeksise 


Dura taa’aa Gamtaa Afiriikaa Muusaa Fakii Mahaamma, Finfinnee, Caamsaa 2, 2023.
Dura taa’aa Gamtaa Afiriikaa Muusaa Fakii Mahaamma, Finfinnee, Caamsaa 2, 2023.

Dura taa’aan Gamtaa Afiriikaa Muusaa Fakii Mahaammat hooggantoonni biyyoota lamaanii gochaa itti gaafatamummaa barbaachisaa ta’e irra ga’an akka simatan himanii walii galchitti karaa biyyota lamaaniiyyuu hojiitti hiikamuuf lafarra akka hin harkifanne jechuun gaafataniiru. Haaluma wal fakkatuun IGADI’s walii galtee biyyoonni lamaan irra ga’an akka simatu ibseera. Hoogganaan IGAD Warqineeh Gabayyoo walii galteen Ankaraa kun biyyoota Obboloota lamaan gidduutti hariiroo hawwaasummaa ture daran jabeessuuf tarkaanfii kan fudhatu yommuu ta’u, dhimmoota isaanii karaa nagaa hiikuu irrattis kutannoo jiru agarsiisa jedhaniiru.

Walii galtee Somaaliyaa fi Itiyoophiyaan gidduu seentummaa Tarkiin taasiisaniin abbaa biyyummaa, tokkummaa fi walabummaa daangaa walii akka kabajan waliif galaniiru. Akkasumas Itiyoophiyaan aangoo abbaa biyyummaa mootummaa Federaalaa Somaaliyaa jalatti hulaa galaanaa akka argattuu waliin akka hojjetan irratti waliif galaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG