Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Afrikaa Hojiirra Oolfama Waliigaltee Preitooriyaa Madaaluuf Akka Jiru Mootummaan Itiyoophiyaa Beeksise


FAAYILII - Bakka bu'oonni mootummaa Itoophiyaa fi Adda Bilisa Baasaa Tigraay walii galtee oggaa mallatteessan, Piritooriyaa, Afrikaa Kibbaa, Sadaasa 2, 2022.
FAAYILII - Bakka bu'oonni mootummaa Itoophiyaa fi Adda Bilisa Baasaa Tigraay walii galtee oggaa mallatteessan, Piritooriyaa, Afrikaa Kibbaa, Sadaasa 2, 2022.

Hojiirra oolmaan walii galtee Piriitooriyaa qaamota waliigalticha mallatteessan mootummaa Fedeeraalaa Itiyoophiyaa fi bulchiinsa yeroo kan naannoo Tigiraayiin bakka qaamoleen waliigaltichi akka taasifamu gargaaran jiranitti ni madaalamuuf akka jiru dubbii himaan ministira haajaa Itiyoophiyaa Ambaasaddar Melles Alem har’a himan. Madaaliin hojiirra oolmaa walii galtichaa qopheessummaa Gamtaa Afiriikaan Finfinneetti torbaan kana keessa akka taasifamuu fi madaalliin kun yommuu taasifamuttis Yuunaayitid Isteetsi dabalatee biyyoonni walii galtichi akka mallata’uuf gargaaraa turan irratti ni argamus jedhaniiru. Gaanfa Afirikaatti ergamaan addaa Yuunaayitid Isteetsi Maayik Hameris madaallii hojiirra oolmaa walii galtee Piriitooriyaarratti hirmaachuuf guyyaa har’aa Finfinnee galanii jirus jedhameera. Walii galteen piriitooriyaa erga malleetteffamee booda mootummaan Itiyoophiyaa hojiirra oolmaa isaaf fageenya hedduu deemeera kan jedhan Ambaasaddar Malles , hojirra oolmaa waliigaltichaa madaaluuf waamicha gamtaan Afirikaa taasiseef mootummaan fudhateeras jedhan.

Pirezidaantiin bulchinsa yeroo naannoo Tigiraay obbo Geetaachoo Raddaas waliigaltee mootummaa Itiyoophiyaa fi adda bilisa baasaa uummata Tigiraay gidduutti mallatteefame irratti madaalliin tarsiimoo karaa Gamtaa Afiriikaa ni taasifama jedhaniiru. Jedhaniiru jechuun Finfinneerraa Keneedii Abaateetu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG