Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waliigalteen Dhukaasaa Dhaabuu Sudaan Kibbaa Rakkina Keessa Seenaa Jira Jedhame


Pirezdaantii Sudaan Kibbaa, Saal Vaakiir fi hogganaa mormituu Tik Machaar waliigaltee yeroo malatteessan, Juubaa, Ebla 3, 2022
Pirezdaantii Sudaan Kibbaa, Saal Vaakiir fi hogganaa mormituu Tik Machaar waliigaltee yeroo malatteessan, Juubaa, Ebla 3, 2022

Waliigalteen dhukaasaa dhaabuu gareewwaan Sudaan kibbaa keessatii wal lolan jiran giduutti taasifamee rakkinaa keessaa seenaa jirachuu isaa qaamnii walii galtee dhukaasaa dhaabuu sana too’atuu ibsuu isaa gabaasinii Deeng Ghaa’I Deeng sudaan kibbaa irraa VOA dhaaf ergee ibseeraa.

Durataa’aan koree qaamaa dhukaasa dhaabisa sana qindeesuuf too’atuu Asraat Deneeroo Amaad VOAtti akka himanitti , gareen Simoon Gaatiwiichii fi gareen Itti aanaa Prezidaantti biyyatti Reek Maachaar Guraandalaa 11 kaasanii kutaa biyyatti Yuuniiti fi Aper Naayil Jedahaman keessatti walwaraansa irra jiru.

Kutaa biyyatti Ekuwaateraa lixaa keessatis gareen nama Toomaas Siriiloo jedhamuun hoggamanu walgaltee nagaabuusuu didee bara 2018 jalqabee lola irra kan jiru yemuu ta’au, sababa lola kanaatiin Namoonii kuma 80 ta’an jireenyaa isaanii irraa buqqa’aniiru.

Garee Itti aanaa prezidaantii biyyatti Reek Machariif dubbii himaa kan ta’an Koloneel Laam Pool Gabri’eel gareen dhaaba isaanii irraa fottoqee bahe waraanaa mootummaa Saalvaa kiiri wal ta’uudhaa garee isaanii irratti akka waraana bane himuun isaanii Gabaasameera.

Sudaan Kibbaatii Jiilli dhaabbata mootummootaa gamtoomanii wixata dheengaddaa ibsaa baaseen akka jedhetti, ji’a Guraandhalaati kaassee amma Ebilaatti kutaa biyyatti Yuuniitii jedhamu anaa Leer keessatti namoonii 72 ol du’anii dubartootaa fi ijooleewan durbaa 64 irraatti hookkorii saalaa raawwatamuun ibsameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG