Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti-Bu'ansawwan  Hookkaraan Guutan Afrikaaf Qormaata Tahuun Itti Fufee Jira: Koomishinarri Gamtaa Afrikaa Aangoo Gad-Lakkisaa Jiran


Komiishinara Gamtaa Afriikaa Muusaa Faakii Maahamaat
Komiishinara Gamtaa Afriikaa Muusaa Faakii Maahamaat

Walitti bu’iinsi hokkara qabeessa ta’e Afrikaa qormaata ta’uun itti fufee jira jechuun Komishinarri Gamtaa frikaa kan aangoo gadhiisaa jiran dubbatanii jiru.

Walgahii Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa 46ffaa, kan ministiroota dhimma alaa guutuu Afriikaa irraa waamame kana irratti, Komishinar Muusaa Faakii Maahamaat akka jedhanti, ardii kanarratti guddinni guddaan mul’atus, Afrikaa keessatti waldhabdeen jeequmsaa bal’inaan itti fufee jira jedhu.

Sudaan fi Riipaabliika Deemookraatawaa Koongoo keessaa tiyaatira waldhabdee baay'ee nama dhibuu fi gaddisiisaa ta'uu dubbataniiru.

Walgahii mana maree hojii raawwachiiftuu har'a ta'e irratti, walgahii 38ffaa Gamtaa Afrikaa kan Guraandhala 14,2025 jalqabu duratti haasawa taasisaniin, Faakiin qormaata faayinaansii ykn maallaqaa gamtaan Afrikaa qabu cimsanii ibsuun, "Fayinaansii rakkisaan dhaabbata keenyaa murtee kennuu keessatti bu'a qabeessummaa fi walabummaa isaa irratti ulfaataa ta'uu itti fufeera" jechuun hubachiisaniiru.

Mahaamaat qormaata idil-addunyaa ka’aa jiru kanneen ardii kanaa fi Gamtaa Afrikaa irratti dhiibbaa uumuu akka danda’an akeekkachiisaniiru.

“Haalli kun hunduu daran yaaddessaa kan ta’e, yeroo biyyoota hedduu, yeroo muraasaaf haala hamaa keessa ture, qormaata haaraa fi rukuttaa gama Atlaantiik irraa dhufu mudachuu waan qabu fakkaata. Kanaaf, of harkisuu qabna. Asittis amma gochuu qabna,'' jedhan.

“Dhimmoota Siyaasaa, Nagaa, Nageenyaa fi Bulchiinsa keenyaa, gaaffii Walta’iinsa, faayinaansii Dhaabbatichaa fi aangoo Komishinichaa fi Dura Taa’aa isaa yoo dafnee hin hubanne, ifatti yoo dubbanne egeree Dhaabbata keenyaaf madda yaaddoo ta’a jedhee amanuun itti fufeera.”

Akkaataa Gamtaan Afrikaa dhukkuuboota KOOVID-19 , Iboolaa fi Mpox itti gaggeesse irratti dhaamsa dabarsaniiru

Waaltaan ittisaa fi to’annee dhukkubootaa kan dame Afriiikaa akka meeshaa bu'a qabeessa ta'etti of mirkaneessaa jira,'' jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG