Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti Bu’iinsi Israa’elii fi Faalisxiin Gidduu Itti Fufe 


Dhiibbaan naannoo fi kan Sadarkaa addunyaa lolli hidhattoota Faalisxiinii fi Israa’el gidduu akka dhaabatu yaalamu iyyuu har’as Israa’el haleellaa samii irraanii hidhattoonni Faalixiin immoo daangaa ce’uun rookkeettii dhukaasuu itti fufanii jiru.

Kan deggeersa diplomaasummaa biyyootii alaa of cina hiriirsuu fedhan uummichi ministeeraa Israa’el Benjamin Natanyaahuu akka jedhanitti yeroo ammaa humnaan ofi irraa ittisuutti jirra

Natanyaahuun itti dabaluu dhaan haleellaa samii irraan Israa’el geggeessite ilaalchisuun qeeqa dhiyaate illee ofi irraa faccisuu dhaan humnoonni isaanii hanga danda’anitti namoonni nagaan akka hin duune of eeggatu jedhan. Haleellaa sanaaf deebii kennuu dhaaf humnoonni Israa’el of eeggannoo guddaa godhu, garuu miidhaa sana cina dhufu mara ittisuu hin danda’an jedhan.

Hayyoonni garee mirga namaa kan tokkummaa mootummootaa ibsa kaleessa baasaniin akka jedhanitti Israa’el haleellaa isheen Gaazaa bakka uummati walitti tuucha’ee jiraatu irratti adda utuu hin basin geggeessite siivilotaa fi qabeenyaa isaanii miidhe jedhan.

Gareeleen hayyootaa kun itti dabaluu dhaan hidhattoonni Faalisxiinis beekaa maal na dhibdee dhaan gama Israa’elitti rookkeettii dhukaasan jechuu dhaan gochi garee lamaanii yakka waraanaa ta’uu danda’a jedhan.

Muummichi barreessaan tokkummaa mootummootaa Antooniyoo Guteres ergaa tweeterii dhaan kaleessa dabarsaniin Gaazaa keessatti dararaa hamaa fi manneen namaa fi caasaalee barbaachisoo irratti miidhaa hamaan waan dhaqqabeef hawaasi addunyaa sagantaalee gargaarsa namoomaa kan tokkummaa mootummootaa naannoo Gaazaa maallaqaan akka deggeru waamicha dabarsaniiru.

Erga Caamsaa 10 haleellaan sun jalqabee as Israa’el haleellaa samii irraan geggeessiteen ijoollee 63 dabalatee yoo xiqqaate namoonni 217 du’uu isaanii ministriin eegumsa fayyaa Gaazaa beeksisee jira. Haleellaalee rookkeetii gama Israa’elitti furguggifameen immoo mucaa umuriin waggaa ja’aa dabalatee namoonni 12 du’aniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG