Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti Bu'iinsi Rippaablikii Dimoktaatawaa Koongoo Hammaachuun Ibsame


FAAYILII- Hojjettoonni fannoo diimaa namoota lola Koongoo keessaan miidhaman Goomaa Keessatti ennaa konkolaataa irratti fe'an Wixata Guraandhala 3, 2025/AP
FAAYILII- Hojjettoonni fannoo diimaa namoota lola Koongoo keessaan miidhaman Goomaa Keessatti ennaa konkolaataa irratti fe'an Wixata Guraandhala 3, 2025/AP

Gareen hidhatee Ruwaandaan deeggaramu M23 ennaa Tokkummaan Mootummootaa balaan jeequmsi naannootti babal'achuu kana caalaa hammaatee hin beeku'jedhee akeekkachiisaa jirutti, Jimaata har’aa magaalaa ijoo biraa baha Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo to’achuuf sodaachisaa ture jedha gabaasi Associated Press.

Loltoonni Ruwaandaa fi M23 torbee darbe magaalaa Goma qabatanii amma gara bulchiinsa ollaa kutaa Kivu kibbaatti socho’aa jiru.

Jeequmsa waggoota kurnoota darbaniif baha Rippaablikii Dimokraatawaa Koongoo keessatti uumameenn loltoota Ripaablikii Dimoktaatawaa Koongoo fi michoota isaanii injifachuu ari’uu dhaan naannoo albuudaan badhaate ennaa to’atanitti kumaatamaan kanneen lakkaa’aman du’aniiru, hedduun immoo qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru.

Prezidaantiin Ruwaandaa Pool Kaagaamee fi preezdaantiin Ripaablikii Dimokraatawaa Koongoo Feeliks Tshisekediin ennaa humnoonni naannichaa rakkoo kana salphisuuf yaalaa jiranitti, yaa’ii Dilbata dhufu Taanzaaniyaa keessatti gaggeeffamu irratti hirmaachuuf jiru.

Manni Maree Mirgoota Namoomaa kan Tokkummaa Mootummootaa Jimaata darbe Jeeneevaatti walga’ee miidhaa waldhabdee kana keessatti raawwatame jedhame irratti qorannoo sadarkaa addunyaa eegaluuf murteesse.

Hogganaan dhimma mirgaa kan Tokkummaa Mootummootaa Volker Turk balaan jeequmsaa naannoo xiqqaa kana keessatti akkas hammaatee hin beeku jechuun akeekkachiisaniiru.

Yoo tarkaaniin tokko hin fudhatamu ta’e, ummata baha Rippaablikii Dimoktaatawaa Koongoof wanti hamaan ammallee dhufuu mala, daangaa biyyattii bira illee ni darba jedhan.

Turk erga M23 Amajjii 26 Gomaa seenee as namoonni gara 3,000 ta’an kan du’an yoo ta’u, 2,880 ammoo madaa’uu isaanii ibsuun, lakkoofsi kun garuu dhugaatti Kanaan ol ta’uu hin oolu jedhan.

Akkasumas Jimaata har’aa dhaabbati bu’aaf hin hojjenne kan Siwiizarlaand torban kana keessa hojjettoonni isaa sadii naannoo sanatti ajjeefamaniiru jedhe.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG