Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti Bu'iinsii Kaameeruun Keessaa Hammaachaa Jira


Waraanni mootummaan Kaameruun garee adda-baaftotaa kutaalee Afaan Ingilizii dubbatan irratti labse, gama finciltoota sanaa fi gama mootummaa tii miidhaa guddaa geessisee jira.

Wal-waraansa gara baatiilee ja’aaf geggeessame kanaan, namoota dhibbootaan lakkaawaman tu dhume.

Kutaalee Kaameruun Afaan Ingilizii dubbatan, kanneen Kibba-Lixaa fi Kaaba-Lixaa biyyattiitti argaman keessatti, mormii bara 2016 baatii Sadaasaa keessa ogeeyyii seeraa fi barsiisotaan ka’e tu gara gaaffii adda-cituutti jijjiirame.

Biyyattii keessatti irra-jreessa tahan – hawaasa afaan Faransaay dubbataniin, hacuuccaa fi moggaatti-qoodinsa tu hawaasa Afaan Ingilizii dubbatan irratti geggeessamaa jira, jechuudhaan finciluu jalqaban – gareen adda-baatotaa sun.

Waggaa tokkoo booda, prezidaantiin biyyattii – Pool Biyyaa, “shororkeessota” jedhanii moggaasuudhaan duula irratti labsan.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG