Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wallisaan Oromoo Angaftichi Digirii Doktorummaa Ulfinaa Argate.


Sirna eebbaa barattoota Universitii Jimmaa
Sirna eebbaa barattoota Universitii Jimmaa

Digiriin doktorummaa kabajaa argame kun kan Alii qofaa utuu hin taane, kan dargaggoo, maanguddoo fi uummata Sirba Alii jal'atu maraa ti jedha Angaftichi weellistoota Oromoo Dr. Alii Birraa.

Waxabajjii shan bara 2010 Yunivarsitiin Jimmaa wallisaa Oromoo angafticha Ali Birraaf digirii dooktorummaa ulfinaa kennee jira. Sirna eebba barattoota yunivarsitichaa irratti argamuudhaan ka badhaasa kabajaa kana kennan ministara eegumsa fayyaa Ethiopia Dr. Tewoodros Adihaanoom turan. Yunivarsitiin Jimmaa ammaan dura illee digirii dooktorummaa kabajaa kana namoota adda addaaf ka kennaa ture tahuu, prezidaantiin yunivarsitichaa, Dr. Kabaa Urgeessaa ibsanii jiru.

Wallisaa Alii Birraa nama gara waggoota shantamaaf sirbaa ture, aadaa Oromoo calaqqise, afaan Oromoo akka beekamu gochuutti gahee guddaa gumaache, akkasumas akka sabaa fi sab-lammoonni mirga argataniif walleellee isaan ergaa dabarsaniin nama wallisaa ture tahuu kan ibsan Dr. Kabaa Urgeessaa, Yunivarsitiin Jimmaa hojii guguddaa akkanaa Aliin hojjeteef beekkannaa kennuu waan barbaadeef bakka inni jiraatu Kanadaa, Torontootti bilbilee afeeree, sirna sana irratti akka argamu taasise, jedhan. Dr.Ali Birraas gama isaan, "kabajaa akkasiif nan afeerama, jedhee takkaa illee abjootee hin beeku. Abjuu tu naaf dhugoome. Artistoota dargaggoota guddataa jiraniif hamilee guddaa kenna." jechuun Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibse.

Aliin gama kaaniin dhibee “colon cancer” jedhamuun qabamuu isaa akkasumas qoroo ija dhabuu isaa dubbata. "Garuu, jaalalli ani muuziqaaf qabu amma illee how'aa dha. Otuun guutummaatti sirbuu irraa hin gadamoojjawiin dura, CD sirbaa tokko maxxansiisuuf itti yaadaan jira." jedha. Hojii muuziqaa irraa eega gada-moojjawee boodas, wallistoota dardara isa boodaan ka'aniif akka tajaajila gorsaa kennuu fedhuu fi isaan irraa illee baratuuf hawwii qabu dubbata, wallisaan angaftichi, Alii Birraa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG