Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Walqaayiit Xagadee fi Xalamt Keessatti Awwaalli Reeffa Heddu Of-Keessaa Qabu Argameera:Yunivarsitii Goondar


Gonder Universtiy
Gonder Universtiy

Naannoo maqaan dhahamee kana keessatti Addi Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) gocha duguuggaa sanyii rawwateera jechuun kanneen gabaasa dhiyeessan gareen qorqttoota Yunivarsitii Goondar boollaa namoonni hedduminaan keessatti awwaalaman 2o ta’an arganneera jechuun beeksiisan.Qorannaan kunis isa bara 1972 kaasee hanga bara 2013tti waan ta’e of keessaa qaba jedhamee jira.

Gama kaaniin bulchiinsa naannoo Tigraay bulchaa kan jiru ABUT ibsa gidduu kana baaseen mootummaan bulchiinsa naannoo Amaaraa akka ofii isaa miidhameetti dhiyeessaa jira jeechuun himatee reeffii namoota argamees kan dhalattoota Tigraay irratti rawwatame agarsiisa jedhe jira.

Amneestii Intarnaashinaal gama isaan gabaasa akkasii baasuuf qorannaan saayinsiin deggerameetu barbaachiisa jedha.

Gabaasa Asteer Misgaanaawu Baahiir Daar irraa eriite caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG