Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanii Itoophiyaa Kaampilee Leenjii Waraanaa,Eeritiraa keessaatti lole


Akka oduu himaa mootummaa Itoophiyaa, Shimellis Kemaalitti waraanii Itoophiyaa daarii Eertiraa gara KM 16 caalee seenee lafa waraanii achii bahe Itoophiyaa hadha jedhan lolee deebihe.

Laftii itti lolan tun lafa ergamtootii itti leenjifamanii Itoophiyaatti duulan jedha mootummaan Itoophiyaa.

Laftii leenjii ta waraanii Itoophiyaa keessumattuu jabeessee lole lamaan,ta Itoophiyaa gama KaabaaBahaa,ta turistootii Awurooppaa shan keessatti fixanii saddeet itti madeessan.

Taatullee akka jecha oduu himaa mootummaa Itoophiyaa obbo Shimellisitti“Tarkaanfiin har’a fudhatame,wal waraansa humnootiin biyyoota lameenii fulleetti wal argaa gaggeessan miti.”

Lolii kun akka jecha obbo Shimellisitti waraana Itoophiyaatii fi Eeritaa wal lolanii miti.

“Waraanni Ertraa haleellaa haaloo ba’iinsaa gaggeessu akka hin dandeenye beekna./Garu kana goonaan,waan hamaatu dhufuuf deema.”

Waraanii Itoophiyaa fi Eeritaan ganna kunrya tokkoon duratti wal hadhan nama 80,000 fixe.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG